Xurree ittiin seenan

Breaking News

Traamp Haasaa Dhimma Imaammataa Dhageessisuuf Gara Washingtenitti Deebi’aa Jiran


FAAYILII Pirezdaantii duraanii Doonald Traamp namoota haasaha isaanii dhaggeeffachuuf argaman duratti, Adoolessa 22, 2022, Arizoonaa
FAAYILII Pirezdaantii duraanii Doonald Traamp namoota haasaha isaanii dhaggeeffachuuf argaman duratti, Adoolessa 22, 2022, Arizoonaa

Pirezidaantiin duraanii Doonaald Traamp erga aangoo gadhiisanii yeroo jalqabaaf gara Waashingitanitti deebi’aa jiru. Kibxata har’aa halkan michoota isaanii marsaa lammaffaaf ajandaa qopheessaa turan duratti dhiyaachuun haasaa imaammataa dhageessisuuf jiru.

Traamp gumii ajandaa Ameerikaan haa dursitu jedhu kan guyyoota lamaaf gaggeeffamu waaltaa “America First Policy Institute” irratti haasaa dhageessisuuf jiru.

Gorsitoonni tokko tokko duula filannoo kan bara 2024 irratti hirmaachuu labsuuf yeroo qophaa’aa jiranitti yeroo baay’ee waa’ee mul’ata gara fuula duraa dubbachuu malee filannoo bara 2020 irra deebi’anii falmuuf yeroo hagas akka hin fudhanne gaafachaa jiru.

Filannoo bara 2024 mromituu isaanii ta’uu malu kan jedhaman Itti aanaa pirezidaantii duraanii Maayik Peens dabalatee morkattoonni isaanii sadarkaa Tiraamp akka ulaagaa Ripaablikaanotaa itti qaban mormuuf tarkaanfii ifa ta’e fudhachaa jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG