Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaafiin Keenyaa  Deebii Hin Argatu Taanaan Lola Itti Fufna, Jedhan Dabretsiyoon 


FAAYILII - Prezidaantii Naannoo Tigraay Dr. Debretsiyoon Gebremikaa'el

Hogganaan bulchiinsa naannoo Tigraay fi dura taa’n ABUT Dr. Debretsiyoon Gebre Mikaa’el saba himaa naannoo Tigraayif ibsaa kennaniin wal waransii mootummaa feederalaa wajjin tasifamma jiru karaa naaga fi marii siyaassatiin akka raawatuu fedhii akka qabanii ibsanii jiruu.

Haa ta’u malee tajaajillawwan bu’uraa addan citaan ittu hin jalqabin, naannooleen Tigraay heera irra jiran ittu hin deebi’in marii akka itti hin fufne hubachisani jiru.

Dhimma kana irratti gaaffiwwaan dhiheesuu isaaniif deebii eeggachaa jiraachuu isaanii kan himan Dr. Debretsiyoon, dubbichaa kan harkaa qabduu Amerikaadhaa jedhaanii, jaras gaafachaa akka jiran dubbachuudhaan yoo gaaffiin isaanii deebii hin arggannee lola akka itti fufan beeksisanii jiru.

Ibsaa mootummaa naannoo Tigraay kana irratti Mootummaa Yunaayitd Istets irraa deebiin kallatiidhaan kennamee jiraachuu baatus marii Mootummaa Itiyoophiya fi ABUT gidduutti tasifamuuf deemu isaa gamataan Afirikaa mijeesee biyyii isaanii akka degertuu Itiyoophiyaatti hojii raawwachiiftuu Mootummaa US kan ta’an ammabassader Tireesii aan Jaakobson himanii jiru.

Moraa embasii finfinnee keessaa bakka bu’aan Gamtaa Afrikaa akka jiran kan ibsaa Ambaasader Treesii Jaakobson, haala marichaa mijeessudhaa fi gareen kamuu gargaarsii barbaaduu yoo jiraate gargaaruudhaaf qophii ta’uu isaan akka dubbatan gabaasameeraa.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG