Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaliyaa Keessatti Haleellaa Boombii Raawwateen Namoonni 18 du’aniiru 


FAAYILII - Konkolaataa haleellaadhan barbadaahe bira daa'imni yeroo darbu, Moqaadishoo, Guraandhala 16, 2022
FAAYILII - Konkolaataa haleellaadhan barbadaahe bira daa'imni yeroo darbu, Moqaadishoo, Guraandhala 16, 2022

Roobii har’aa Somaliyaa keessatti haleellaa boombii bakka Lamatti raawwateen namoonni 18 du’anii heduun madaa’uu isaanii haanga’onii mootummaa Somaliyaa beeksisuu isaanii gabaasaan VOA Mohaammad Dhaaysane Mogadishoo irraa gabasee jira.

Akka gabasiichii jedhutti, haaleellan inni jalaqabaa kan raawwate magaala bulchiinsaa Shabalee gajjallaa Merkaa keessatti yemuu ta’uu, balaa balleessanii baduu Kanaan kantiibaa magalichaa Abdullaahii Ali Waafoowu dabalatee namoonii 10 ajjeeffamaniiru.

Karaa biraatiin dhohinsa boobii lafa keessaa awwalameen balaa qaqqabeen namoonni magaalaa Afgooyee keessa bakka gabaa beeladootaa jiran Torba ajefamanii 14 immoo madaa’uu isaanii namoonii ijaan argani fi maddaawan wal’aansaa VOA ti himaniiru.

Balaa magaalaa Merkaa keessatti raawwateef gareen hidhattotaa Al Shabbab itti gaafatamummaa kan fudhate yemmuu ta’u , balla Afgooyee keessatti raaawateen namoottan du’an keessaa Lama loltootaa mootummaa ta’u isaan ibsuudhan alatti Al Shabba amma ammaatti itti gaafatamummaa hin fudhanne.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG