Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Awurooppaa Himannaa Dhaabbatni Miidiyaa Raashiyaa Dhiheesse  Fudhachuu Dide  


Waajjira dhaabbata miidiyaa RT, Mooskoo, Waxabajii 15, 2022
Waajjira dhaabbata miidiyaa RT, Mooskoo, Waxabajii 15, 2022

Manni Murtii haqaa Awurooppaa himannaa dhaabbanni midiyaa Raashaa RT jedhamu dameen Faransaay gamtaa Awuroopaa irratti dhiheesee akka hin fudhanne beeksisee jira.

Dhaabbanii Midiyaa Raashaa gamtaan Awurooppaa akka inni biyyaa fraans keessatti qophii isaa hin tamsaafne uguruun isaa sirrii mitii jechuudhaa himan kan dhiheesee yemmuu ta’u manni murti Awurooppaa Luuzambargitti argamuu kun tarkaanfiin gamtaan Awurooppaa fudhate akka sirrii ta’eef gaaffii yaadaa ofii walabaan ibsuu waliins akka wal hin qabanee ibsuun isaa gabasameeraa.

Dubbii himaan masaraa mootummaa Raashaa Dmitirii Peeskoov akka oduu gabaastotatti himanitti biyyi isaaniis miidiyaalee biyyoottan lixaa biyya isaanii kessatti hojjachaa jiran irratti tarkaanfii walfakkataa akka fudhatuu ibsaniiru.

Gamtaan Awurooppaa tamsaasa RT Biritaniiyaa, Jarman,fraansi fi Speen keessa ture irratti tarkaanfii uguraa fudhachuun isaa ni yaadatama.

Akka gamtaam Awurooppaa jedhutti, ugurichii kan turu amma weerarri Yuukreen irratti raawwatame xumuraa arggatu fi amma mootummaan feedereshiinii Raashaa fi midiyaaleen mootummaa wajjin hidhata qaban oddeffannoo sirii hin taane gamtaa Awurooppaa fi biyyoottan miseensaa isaa ta’an irratti tamsaasuu dhiisaniitti jechuun isaa gabaasamera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG