Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miseensonii Naga-eegdota Mootummoota Gamtoomanii Ripablikii Dimookiraatawa Koongoo Keessatti Ajjeefaman   


Waajjira dhaabbata Biluu Heelmeet mormitootan abiddi itti qabsiifame, Adoolessa 25, 2022
Waajjira dhaabbata Biluu Heelmeet mormitootan abiddi itti qabsiifame, Adoolessa 25, 2022

Umna nageenyaa egdotaa Demokiraatiik Rippabliikii Kongoo/ DRK jiran irratti haleella raawwatameen miseensonni naga eegdotaa Sadii ajjefamuu isaanii dhaanabii mootummoota gamtommanii beeksisee jira.

Mormiin naga eegdotaa dhaabbatichaa irraatti dhihaachaa ture gara tarkaanfii umnaatti jijjiramee, jirrattonni poolisootaa biyyatii irraa qawwee umnaan fudhatanii warana mootummootaa gamtoomanii bakka MONUSCO Butembo jedahmu keessa jiran irratti haleella raawwachuu isaa itti aanaa dubbi himaan dhaabataa mootummoota gamtoomanii Farahan Haq akkana jechuun ibsaniiru.

"Tuutini mormitootaa dhakaadhaa fi boombii manati hojjatamee darbachaa buufaaticha cabsanii galuudhaan saamanii, caccabsanii, abida itti qabsisaniiru. Haalichii heduu jeeqamaadha. Umnii dabalataa socho’aa jira. Uminni keenyaa deebii atattamaa keenuu akka haalaa qophii ol aanaa irra ta’u taasifnee , akka obsaa ol aanaa qabaatu gorsuudhaan yoo qabeenyaa fi namoottan dhaabatichaa irratti tarkaanfiin fudhatamee akka haara gaazii isa imimmaanesu fayyadamanii fi qileensaa irratti akk dhukaasaan itti himameera. qabeenyaa dhaabichaa eegudhaaf gargaarsii ammii tokko waraanaa biyyalessaa Koongoo irraa argamee jira. "

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG