Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mariin Nageenyaa Itiyoophiyaa Filannoo Keeniyaa Booda Akka Ta’uu Malu Himame


Muummicha miniseeraa Abiy Ahimedii fi Hoogganaa Tigraay Debretsiyoon Gebremikaa'el
Muummicha miniseeraa Abiy Ahimedii fi Hoogganaa Tigraay Debretsiyoon Gebremikaa'el

Mariin nageenyaa mootummaa Itiyoophiyaa fi ABUT gidduutti taasifamuu felannoo keeniyaa booda akka jalqabu abdii qabaachuu isaanii dhimmaa Afrikaa irratti diplomaatii olaantuu yunaayitid Isteets kan ta’’a Moolii Fee ibsuu isaanii maddi oduu Ajaans Fraans Prees /AFP gabaasee jiraa.

Waxxabajjii darbee ABUT wajjin marii tasisuudhaaf fedhii akka qaban kan ibsaan Muummeen ministiraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimad marichaa kanhogganuu qabuu gamtaa Afrikaati jechuu isaanii fi ABUT gamma isaatiin marichii kan hogganamuu Prezidaantii Keniyaa Uhuruu Keeniyaatatin ta’uu qaba jechuun isaa akka gara garuummaatti fudhaatamuu akka hin qabnee kan ibsan Dipilomaatiin US, Abiy Ahimad Prezidaantii keeniyaa wajjin walti dhufeenyaa gaarii akka qaban dubachuun isaanii gabasameeraa.

Moolii Fee haasaa koree dhimmaa waltii dhufeenyaa alaa senatii US irratti taasisaniin akka dubbatanitti filannoon keeniyaa yeroo jalqaba maariidhaaf yaadame achi butuu akka danda’u himaniiru. Gaanfa Afrikaatti bakka bu’aan addaa US Maayik Hamer imalaa tibbana gara Iityoophiyatti taasisanuun wa’ee marii nageenyaa ilaalchisee gareewan hundaa wajjin akka dubbatan kan ibsan Moolii Fee US dhimmichaa dhiheenyatti akka hordofaa jirtu himuun isaanii beekameeraa.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG