Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaadhimamtoonni Filannoo Keeniyaa Waa’ee Chaayinaa Irratti Fuuleffataa Jiran


Itti aanaa pirezdaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Rutoon yeroo imaammata isaa ifa godhu, Waxabajjii 30, 2022
Itti aanaa pirezdaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Rutoon yeroo imaammata isaa ifa godhu, Waxabajjii 30, 2022

Filannoo pirezidaantii Keeniyaa Hagayya 9 gaggeeffamuuf duula filannoo itti fufee ennaa jirutti, kaadhimamtoota ijoo lamaan isaanii iyyuu dubbii ijoo tokko irratti kan qiyyeeffatan yoo ta’u - dinagdee fi hariiroon biyyattiin Chaayinaa waliin qabdu kan falmisiisaa ta’e irratti fuuleffatamuun waan hin oolle dha.

Itti aanaan pirezidaantii Wiliyaam Ruutoo, ka duraan gurgurtaa lukkuu irratti bobba’anii turan, kan akka shaampiyoonaa hiyyeeyyiitti of ibsan, waltajjii farra Chaayinaa cimaa ta’een achii as ba’an.

Lammiilee Chaayinaa hojiiwwan lammiilee Keeniyaaf qofa ta’uu qabu jedhan hojjetan biyyaa ari’uuf waadaa galaniiru, akkasumas Beejiing waliin waliigaltee kontraataa ifaa ta’e mootummaa waliin akka tolchan waadaa galaniiru.

Waltajjii dinagdee baatii Waxabajjii keessa gaggeeffame irratti Ruutoon, “Lammiileen Chaayinaa boqqolloo bilcheessuun bilbila harkaa gurguraa jiru, hunda isaanii biyyaa nan ari’a,” jechuu isaanii Agence France-Presse gabaaseera.

Chaayinaan akka invastara guddaa Afrikaatti pirojektoota bu’uuraalee misoomaa gurguddoo Keeniyaa keessatti hojjetaman, kanneen akka daandii saffisaa Naayiroobii dhiheenya kana banamee fi daandii baaburaa falmisiisaa fi qaala’aa Chaayinaa dhaan ijaarame kan magaalaa guddoo buufata doonii ijoo taate Mombaasaa waliin wal qunnamsiisu dabalatee itti gaafatamummaa qabdi turte.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG