Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Yukireen Geggeessite Booji’amtoota Waraanaa Laammiiwwan Yukireen 40 Galaafachuu Raashiyaan Beeksiste


FAAYILII - Haleelaa aaripuul Yukireen keessaa
FAAYILII - Haleelaa aaripuul Yukireen keessaa

Yukireen baha keessa-tti dhukaasi warri Yukireen banan, yoo xiqqaate booji’amtoota waraanaa Yukireen 40 lola Mariupol keessatti geggeeffameen booji’aman ajjeesuu adda baatonni Raashiyaan deeggaraman himan. Adda baatonni kun yoo xiqqaate hidhamtoonni 75 madaa'uu himaniiru.

Booji’amtoonni Yukireen namoota warshaa sibiilaa Azoovstaal Maripool keessatti argamutti kooluu galanii gara ji’a sadiif loltoota Raashiyaa dura dhaabbataa turan keessaa tokko turan.

Ministeerri Ittisaa Biriteen Jimaata darbe odeeffannoo basaasaa tiwiitara irratti ifa taasiseen akka jedhetti Raashiyaan, “jijjiirama guddaa taasisameen,” itti gaafatamummaa hojii adda durummaa ishee hanga tokko dhaabbata waraanaa dhuunfaa Raashiyaa Wagner Group jedhamuuf dabarsitee jirti.

Tarkaanfiin fudhatame kun Raashiyaan walitti dhufeenya dhaabbilee akkanaa fi mootummaa Raashiyaa gidduu jiru haaluuf akka rakkatu barreeffamni kun ibseera. Tarkaanfiin kun kan fudhatame, akka ministeerichi jedhutti, Raashiyaan “hanqina waraanaa lafoo guddaa” qabaachuu waan hin oolleef.

Prezidaantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii haasaa guyyuu dhageessisaniin kamisa kaleessaa akk’a jedhanitti, “ Addunyaa irraa kan Raashiyaacaalaa shororkeessummaa irratti investii godhe hin jiru.

Zelenskiin seneteroota Yunaayitid Isteetis “murtoo Ministeerri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Raashiyaa akka ispoonsara mootummaa shororkeessummaatti beekamtii akka kennu gaafate sagalee guutuun raggaasisan” galateeffataniiru. Raashiyaan Kuubaa, Kooriyaa Kaabaa, Iraanii fi Siiriyaatti makamtee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG