Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atileetonni Ertiraa Oriiganitti Miliqan Jedhamee Ture Argaman  


Atileetota Eritiraa Origan keessatti
Atileetota Eritiraa Origan keessatti

Atileetonni Ertiraa dhabaman jedhamanii turan argamuu isaanii poolisiin Yunivarsitii Oriigan beeksise. Atileetonni Ertiraa afuran leenjisaa isaanii waliin argamuu isaanii fi miidhaan irra gahe akka hin jirre Federeeshiniin Ispoortii Ertiraa beeksisuu isaa ibsee, itti-gaafamana sab-quunnamtii uummataa poolisii Yunivarsitichaa i-meelii Sagalee Ameerikaatti ergeen ka beeksise yoo tahu, duranis achi-buutee atileetota sanaa akka dhabe kan isa beeksise federeeshinicha tahuus dubbate.

Atileetonni sun garee isaanii waliin sochii jalqabuu isaaniis federeeshinichi beeksisuu isaas itt-gaafatamaan sab-quunnamtii poolisii yunivarsitichaa himee jira. Atileetonni sun maaliif akka miliqan fi amma eessa akka jiran waan adda baafamee himame hin jiru.

As Yunaayitid Isteeits, Iyuujin-Oregaanitti ka geggeessame Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaatti akka hirmaataniif kanneen ergaman atileetonni Ertiraa afur fi leenjisaan isaanii achi-buuteen dhabamuu Televiiziyoonni KVAL jedhamu poolisii kutaa Oregaan wabeeffachuun beeksisuu isaa kaleessa gabaasnee turre.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG