Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhibeen Abbaa Sangaa Jedhamuu fi Weerarri Dhukkubaa Ka Biroon Tigraay Keessatti Ka’uun Gabaasame


FAAYILII - Hoospitaala Ayider, Maqalee
FAAYILII - Hoospitaala Ayider, Maqalee

Dhibeen Antraax jedhamuu fi adaa dhaan Abbaa Sangaa jedhamu kan beeladaalee irraa namtti darbua aanaale Tigraay 15 keessatti mul’achuu isaa waajjirri eegumsa fayyaa naannoo sanaa beeksisee jira. Dhibeen kun saawwa, re’ee fi hoolaa irraa qaqqabachuu dhaan, nyaachuu ykn immoo hafuuraan kan daddarbu ta’uu itti aanaa itti gaafatamaan waajjira eegumsa fayyaa naannoo sanaa Obbo Ri’ee Isaayaas ibsaniiru.

Dhibee kana talaallii ykn wal’aansaan fayyuun hin danda’ama jedhanii, yeroo ammaa beeladaalee fi talaallii namootaa fi immoo wal’aansa fayyaa argachuun waan hin danda’amneef jecha, aanaalee 15 keessatti argamuu isaa gabaasaalee ergaman irraa hubannee jirra jedhan.

Hanga ammaatti namoonni 116 dhukkubsachuu gabaasi nu dhaqqabeera. Kanneen keessaa torba lubbuun isaanii darbeera. Lakkoobsi kun haala jiru hin ibsu. Caasaan ragaa eegumsa waan manca’eef jecha haala akkasii keessa teenyee ti kan dubbataa jirru jedhan.

Mallattoon dhibee kanaa mataa dhukkubbii, ho’a qaamaa ykn dhukkubbii qaamaa ti jedhan Dr. Ri’een. Beeladaaleen dhibee kanaan qabaman akka tasaa waan du’aniif, hawaasi keenya marfamee, waan martinuu cuccufamee beelli waan jiruuf jecha beeladaalee kana qalee nyaachuun isaa immoo qormaata ka biroo nutti ta’eera jedhan.

Itti aanaa itti gaafatamaan waajjirichaa akka jedhanitti ibsetti dhibeewwan bifa weeraraan ka’an ka biroon naannoo sana keessatti bal’inaan mul’ataa ka jiran yoo ta’u, weerarri dhibee busaa illee to’annaa keenyaan ala ta’eera jedhan. Dhibee busaa ittisuuf saaphana siree dhiyeessuu fi qoricha biifuun hin danda’amne jedhaniiru. Saree irraa gara namaatti kan darbu dhibee Raabis jedhamuunis waggaa kana namoonni 42 du’uu gabaasi nu dhaqqabeera jechuun Dr. Ri’ee Isaayaas ibsaniiru jedha Mulugeta Atsbeha Meqelee irraa.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG