Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhattoonni Al-Shabaab Somaaliyaa Keessatti Itti Dhukaasuun Namoota 7 Ajjeesan


FAAYILII - Hidhattoota Al Shabaab
FAAYILII - Hidhattoota Al Shabaab

Gareen al Shabaab Somaaliyaa kibba gama dhiyaa naannoo Bay jedhau keessatti namoota torba du’aan adabee jira. Ja’an isaanii mootummaa Yunaayitid Isteetisii fi Somaaliyaatiif basaastu jedhamuun himataman jedha gabaasi Mohaammed Daysaanee Moqaadishoo irraa erge.

Ajjeechaan ifatte geggeeffame kun naannoo Buulaa-Guulay kan naannoo Somaaliyaatti Sambata darbe raawwatamej. Kanneen sadii odeeffannoo basaasaa hoogganoota al-Shabaab Yuusuuf Jiis fi Abudulqaadir kanneen halellaa samii irraanii kan Yunaayitid Isteetyis bara 2020 keessa raawwatteen ajjeefamanii dabarsitan jedhamuu dhaani.

Abbaan murtii al-Shabab tokko daawwattoota biyya keessaatti akka himanitti namoonni ja’an ragaa osoo hin dhiyeessine garuu balleessaa isaanii amananiiru jedhan. Manneen murtii Al-Shabab abukaatoleen himatamtootaaf akka dhaabatan hin hayyaman.

Gama biraatiin ammoo pirezidaantiin naannoo Somaalee Musxafee Omar akka jedhanitti, sochiin humni addaa naannichaai hidhattoota al-Shabab irratti geggeessaa jiruun gareen kun miidhaa guddaan irra ga’ee jira jedhan.

Torbee tokko dura garee hidhattootaa kanaa Itiyoophiyaa lo’ee seene kana irratti duula taasisaa turan loltoota al-Shabaab 600 ajjeesuu isaanii kan amanan yoo ta’u naannoo daangaa Itiyoophiyaa fi Somaaliyaatti walitti bu’iinsa haaraa kaase jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG