Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Dhibee Monkiipakis Jedhamu Kan Jalqabaa Daarfuur Keessatti Argamuu Gabaaste


Vaarasii Monkiipakis laabraatoorii keessatti
Vaarasii Monkiipakis laabraatoorii keessatti

Kan walitti bu’iinsaan raafamte Sudaan naannoo Daarfuur keessatti nama jalqabaa biyyattii keessatti vaayirasii Monkiipakis jedhamuun qabame argamuu Sudaan ibsiteetti.

Ministeerri Fayyaa Dilbata galgala akka jedhetti, dhukkubni barataa ganna 16 qabe kun torban darbe bulchiinsa Daarfuur Lixaa keessatti argame. Waa'ee dhukkubsataa kanaa bal'inaan hin ibsine.

Ministeerichi akka jedhetti yoo xiqqaate namoonni dhukkuba Monkiipakis qabamuun shakkaman 38 yoo ta’an hundi isaanii qorannoo geggeessameen vaayiresichi kan keessatti hin argamne yoo ta’u, tokko garuu Lixa Daarfuur keessatti ta’uu ibseera. Qaamoleen fayyaa tatamsa'ina vaayirasichaa daangessuuf barataa kanatti kanneen siqan adda baasuuf hojjechaa akka jiran ibseera.

Weerarri vaayiresii kanaa yoo faca’e walitti bu’iinsa kurna hedduuf Daarfuur keessatti geggeessameen rakkataa kan jirtu Sudaaniif balaa dha.

Vaayiresiin kun daljeessaa fi bineensota bosonaa ka biroo irraa kan dhufe yoo ta’u, ho’a qaamaa, dhukkubbii qaamaa, qorrisiisuu fi dadhabbiin mallattoo isaa ti. Namoonni itti hammaate immoo qaama iaanii madeessuu mala.

Jarmayaan fayyaa addunyaa Addunyaa ji’a darbe dhibee kana ilaalchisuun yeroo muddamaa addunyaa gochuun labsee ture, kunis addunyaan weerara yeroo ammaa mudachaa jiru akka ilaalcha itti kennu mirkaneessuuf jecha.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG