Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Paartii Biyya Bulchu Kan Senegaal Filannoo Seera-tumtootaa Injifachuu Beeksise


FAAYILII - Filannoo Seenegaal, Daakaar, Adoolessaa 25, 2022
FAAYILII - Filannoo Seenegaal, Daakaar, Adoolessaa 25, 2022

Muummittiin ministeeraa Senegaal duraanii Aminaataa Touree haasaa TV guutuu biyyaa dhageessianiin filannoo seera tumtootaa dilbata darbe geggeessameen paartiin gamtaa biyya bulchuu kan prezidaant Maakii Saalii konyaalee bulchiinsaa 46 keessaa 30 injifachuu beeksisan.

Toureen akka jedhanitti sun immoo gamtaa biyyattii Afriikaa gama dhiyaa kanaaf hanga xiqqoof injifannoo gonfachiise.

Hoogganaan garee mormituu kantiibaan magaalaa Daakaar Bareelmii Diyaas, beeksisa Touree faallaa dhaabachuu dhaan namoonni Wixata har’aa daandii irratti ba’anii mormii akka dhageessisan gaafataniiru.

Sirni filannoo walmakaa Senegaal keessattis namoota sagalee bakka bu’ummaa walmadaalaatiin injifatanii fi lammiilee Senegaal biyya alaa jiraatan irraa sagalee baay’ee argatan of keessatti qabata.

Ba’iin xumuraa kan guutuu biyyaatti yoo xiqqaate hanga Jimaataatti hin beekamu jedhameera.

Senegaal Ardittii keessaa biyya dimokraasii tasgabbaa’aa qabdu keessaa tokko ta’uun yoo beekamtu, garuu bara 2024 marsaa sadaffaaf dorgomuun heera biyyattii fallessa waan ta’eef yaaddoo uumee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG