Xurree ittiin seenan

Breaking News

Midhaan Yukireen Irraa Gara Biyya Alaatti Erguun Deebisee Jalqabe


FAAYILII - Ooyyiruu midhaanii, Bodaass, Yukireen

Midhaan gara alaattti ergamu buufata doonii Yukireen Odesaa irraa wixata har’aa deebi’ee eegale.

Dooniin fe'umsaa alaabaa Seeraaliyoon qabdu kan Raazoonii jedhamtu jalqaba buufata doonii irraa kan baate yoo ta'u, boqqolloo fe'attee gara Libaanontti qajeeltee jirti. Ministeerri ittisaa Turkii ibsa baaseen dooniiwwan biroo hin ibsamin jiran har’a Yukireen irraa akka ka’an beeksiseera.

Turkii fi Tokkummaan mootummootaa dhuma ji’a Adoolessaa keessa Raashiyaa fi Yukireen waliin walii galteen midhaan alatti erguun deebi’ee akka jalqabamu jaarsummaan gidduu kan seenan yoo ta’u rakkoon nyaataa addunyaa Sababaa Raashiyaan Yukireeniin weerarteen hammaachuu illee tokkummaan mootummootaa beeksisee jra.

Walii galteen kun dooniiwwan fe’umsaa buufata doonii kibba Yukireen irraa bishaan Galaana Gurraacha kan Raashiyaan erga waraana jalqabdee to’attee jirtu keessa nagaan akka darbu gaafata.

“Addunyaaf guyyaa boqonnaa, keessumaa hiriyoota keenya Giddu galeessa bahaa, Eeshiyaa fi Afrikaa keessa jiraniif, midhaan Yukireen jalqabaa uggura Raashiyaan ji’ootaaf erga keessee booda Odesaa gad dhiisee bahe,” jechuun dubbi himaan ministrii haajaa alaa Yukireen Dimitroo Kulebaan tiwiitara isaanii irratti barreessaniiru.

“Yuukireen yeroo hunda michuu amanamaa taatee kan turte yoo ta’u, Raashiyaan waliigaltee kanaa gama isheen kabajuu qabdi jedhan.

Dubbi himaan Kremlin Dimitry Peskov Wixata har’a gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin dooniin jalqabaa ka’uun ishee “baay’ee gaarii dha” jedhan.

Dubbi himaan muummicha barreessaa kan tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Guteereez midhaan gabaa addunyaa akka ga’u mirkaneessuun “dirqama gargaarsa namoomaati” jedhan.

“Muummichi barreessaan, dooniiwwan daldalaa hedduu akkaataa kaka’umsa mallattaa’een socho’an keessaa kun kan jalqabaa akka ta’u, kunis waan baay’ee barbaachisa dha jedhan

Stefan Dujarric akka jedhanitti, Sagantaan Nyaataa Addunyaa qamadii meetiriik toonii 30,000 bituun xayyaara chaarterii tokkummaa mootummootaan Yukireen keessaa fe’ee erguuf karoorfateera jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG