Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ambaasadar Maayik Hamari fi Dippiloomaatonni Biroon Tigiraayiin Daawwatan  


Ambaasader Maayik Hamer fi jill isaanii hoggantoota Tigraay dubbisan, Maqalee, Hagayya 2, 2022
Ambaasader Maayik Hamer fi jill isaanii hoggantoota Tigraay dubbisan, Maqalee, Hagayya 2, 2022

Yeroo ammaa Itiyoophiyaa daawwachaa kan jiran gaanfaa Afrikaatti bakka bu’aan addaa Yunaayitid Isteets ambaasader Maayik Hamer, Bakka buutuun gamataa Awurooppaa Aneetaa Waayiber, bakka bu’otaa mootummoota gamtoomanii, ambaasaderootaa kanadaa fi Italiyaa wajjin Maqaleetti argamuudhaan prezidaantti bulchiinsa naannoo Tigraay Doktoor Dabretsiyoon Gabremikaa’eli fi Hogantootaa bulchiinsa naanoo Tigraayii wajjin akka marii taasisan sagaleen ABUT Dimitsii wayyanee gabasaasee jira.

Marii kana irratti walwarransichaa hordofuudhaan badiinsaa Tigraay keessatti raawwate irratti ibsii baldhaan hoggantoota naannoo Tigraay irra akka kenname kan ibsii gabasiinii Dimitsii wayyanee, ummanii naannoo Tigraay fi Muutumaan naannichaa nagaaeenyaaf fedhii cimaa qaban ibsanii dhimma bu’uuraawwan misoomaa fi dhimmaa daangaa nanichaa irratti ijjanno qaban gareewwan diplomaatotaa kannaf ibssi baldhaan keenamuu isaa gabbasii Dimitsi wayyaanee beekisisee jira.

Karaa biraatiin Yunaayitid Isteets fi gamtaan Awurooppaa ibsa waloodhaan baasaniin, waldhabiinsa kaaba Itiyoophiya jiruu hiikuudhaaf mariin siyaasaa barbaachisaa akka ta’ee hubachiisanii, tajaajilli bu’uraalee misoomaa kan akka ibsaa,baankii , telekominikashiinii fi tajaajillawwan barbaachisoon biroo akkataa deebi’anii hojii jalqaban irratti gareen bakka bu’ootaa wali galuu isaa beeksisaniiru.

Dr. Dabree Tsiyoon Gebree Mikaa’el, hojjatoota tajaajilichaa deebisanii ijaaran irratti rakkinni akka hin umamnee kan ibsuu xalayaa ashuuraa nageenyaa mootummaa Itiyoophiyatti keennamuu bakka bu’ootaa hawaasaa Aduunyaa kanatti lachuu isaanii ibsii waloo kun beeksisee jira.

Akkasumas Adeemsaa marii nageenyaa fiixaan baasudhaaf gareen lammanuu jechootaa jibiinsaa afarsani fi haasawwan harii umuu danda’an irraa akka of qusatan gareen bakka bu’ota hawaasaa Aduunyaa kun hubachiisuun isaa gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG