Erga haleellaan garee Shororkeesitootaa Fulbaanaa 11, bara 2001 Yunaayitid Isteets irratti raawwtee as kan barbaadamaa ture hogganna al Qaayidaa Aymaan al- Zawaahirii irrati akka tarkaanfiin fudhatamu ajaja kennuu isaani fi tarkaanfichii akka karoorfameen raawwatamuu isaa prezidaantiin Yunaayitid Isteets Joo Bayiden ibsanii jiru.
Prezidaant Baayidan, " bara prezidaant Bush, Obaamaa fi Traampii jalqabee barbaachaa taasifamaa tureen hawaasiin nageenyaa keenya bara kana bakka Zawaahiriin jiru argachuu danda’an. Miseensotaa maatii isatti siqanii wajjin wal arguudhaaf walakkeesaa magaala Kaabul seene. Egaa achii jiraachuu isaa ragaa amansiisaa ta’en of eeggannoodhaan mirkannaawee boodaa akka haleellaan sirri ta’e raawwatamee akka innii bakka waraanaa irraa kana booddee dhabamu eeyyame. Dirqamni kun akka siviilotaa irratti miidhaa hin geesifne of eegannodhaan karoorfame. Torban tokkoon dura eegaa haalii ammaa jiruu mijataa ta’un isaa beekamee boodaa ajaja dhumaan keenne. Dirqamichii kan fiixaan baheedha. Maatiwaan isaa keessaa kan miidhaman hin jiran. Siviilota biroo irratti midhaan gahe hin jiru," jedahniiru.
Aymaan al- Zawaahirii misaa’ela xiyyaaraa nam-malee balali’u ykn Diroonii irraa dhukaasameen kan ajjeefamee dilbata dheengaddaa maggalla guditti Afgaanistaan Kaabul keessatti akka ta’e beekameera.
Tarkjaanfii Al Zawaahirii irratti fudhatamee kana kan balaleffatee mootummaan taalibaan inni yeroo amma Afgaanistaaniin bulchaa jiru gochichii waligaltee bara 2020 Yunaayitid Isteets fi hoggantoonii biyyottan lixaa Taalibaan waliin Dohaa Kaatar keessatti taasisan kan cabsuudhaa jedhee jira.
Muumeen minitiraa kaanaadaa Jastiin turuudoo ajjeefamuun Al Zawaahirii gara adduunyaa naga qabeetti taatetti tarkaanfii isaa tokkoodhaa yemuu jedhan , ministirri dhimma alla Sa’ud Arabiyaa Zawaahiriin haleellaa Shororkeessumaa Yunaayitid Isteets fi Sa’udii irratti raawwatee kan karoorse, kan raawwachiisee fi kan hogganeedhaa jechuun isaa gabaasameera.
Prezidaantiin yunaayitid isteets duraanii Baarrak Obamaa, tarkaanfichaa dinqisifatanii ittuu Afgaanistaan keessaa hin maandhefatin hundee Shororkeessumaa buqisuun akka danda’amu kan agarsiiseedhaa jedhaniiru
Miseensota Paartii Repabilikootaa kan ta’an Senaater Maarkoo Rubiyoo fi Senaater Teed Kiruuz tarkaanfichii barbaachisaa dha jechuudhaan jajuun isaanii ibsameeraa.
Al Qaayidaan waggoottan dhihoo kana keessa biyyoottan walakkeesa bahaa, lixaa fi baha Afrikaa akkasumas kibba Eeshiyaa keessatti miilaa diriirfatee gareewaan isaa wajjin hidhata qaban fayyadamuudhaan haleellaa adda adddaa raawwacha akka jiru gabasaameera.
Forum