Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barattoonni Dhalattoota Tigraay Geejjiba Gara Maatiitti Ittiin Deebi’an Dhabnee Rakkoo Keessa Jirra Jedhu


FAAYILII - Karra Yunversiitii Finfinnee mooraa Sidisti Kiiloo
FAAYILII - Karra Yunversiitii Finfinnee mooraa Sidisti Kiiloo

Barzttoonni dhalattoota Tigraay kanneen Yuniversitiiwwan boqonnaaf cufaman keessa turan, sababaa geejjibi hin jiraanneef gara maatii isaaniitti carraa itti deebi’an waan hin jirreef rakkoon isaan mudachuu dubbatanii jiran.

Barattoonni Yuniversitii kunii fi ministeerri barnootaa qaamotiin dhimmi ilaallatu bakkuma isaan jiranitti akka isaan deggeran, ykn gara maatiin isaanii jiran Tigraayitti akka isaan geessan gaafataniiru. Ministeerri barnootaa gama isaan Yuniversitiiwwan baratoota kana bajata ittiin tursiisan hin qaban, gara Tigraayitti isaan geessuuf garuu qaama dhimmi ilaallatu waliin ni mari’anna jedhee jira.

Sodaa nageenyaaf jecha eenyummaa keenyaa fi Yuniversitiiwwan keessaa barannu ibsuu hin dandeenyu kanneen jedhan barattoonni dhalattoota Tigraay kun, barattoonni murtaa’an kan eebbifaman yoo ta’u, kaan immoo barumsa kan hin xumurree fi Yuniversitiilee boqonnaaf cufaman keessaa kanneen ba’ani.

Martinuu garuu rakkoo wal fakkaatu qabaachuu dubbatu. Barattoonni kun Yuniversitii keessaa ba’uu isaanii dura, itti gaafatamtoota mana barnootaa isaanii dhimmi ilaallatu gaafatanii, isin tursuuf bajata hin qabnu deebii jedhu argachuu isaanii dubbatu.

Ministeera barnootaatti itti gaafatamaan dhimmootii damee misooma barnootaa obbo Abdoo Naasiir barattoota kana tursiisuuf ni rakkanna jedhan.

Barattoonni eebbifamanii fi utuu hin eebbifamin Yuniversitii keessaa ba’an, nageenya isaaniif sodaachuuf jecha gara Yuniversitii ramadamnee dhaquu hin dandeenye jechuu dhaan waggaa tokkoo oliif barnoota malee kan turanis jiru. Ministerri barnootaas rakkoo isaanii furuu akka hin danda’in himaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG