Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministeeraa Somaaliyaa Miseensota Kaabinee Isaanii Ifa Taasisan


Miseensota Kaabinee Somaaliyaa
Miseensota Kaabinee Somaaliyaa

Muummichi ministeeraa Somaaliyaa Hamzaa Abdii Baaree itti aanaa ajajaa garee hidhattoota Islaamummaa al-Shabab duraanii ministeera dhimma amantaa ta’uun muudan.

Akka Mohaammad Dhaaysanee Moqdishoo irraa erge jedhutti Muummichi ministeeraa Hamzaa Abdii Baaree Kibxata kaleessaa magaalaa guddittii Moqdishootti gara guyyoota 40f marii dheeraa booda kaabinee isaanii ennaa beeksisan, ministiroonni haaraan fuuldura isaanii taa’anii argamu.

Barre akka jedhanitti Somaaliyaan nageenya dhabuu fi hongee yeroo dheeraa kan lammiilee Somaaliyaa gara miliyoona tokkootti hedaman qe’ee isaanii irraa buqqise dabalatee qormaata gurguddaa ishee mudateefs mootummaa hojii isaaf cicha qabu barbaaddi jedhan.

"Marii dheeraa pirezidaanticha, af-yaa'ii mana maree lamaa, miseensota paarlaamaa fi waldaalee siivikii waliin guyyoota 35 ol fudhateen booda, dhiiraa fi dubartoonni Somaaliyaa ministeera barnootaan cimoo ta’an hojii iftoominaa fi muuxannoo, haala yeroo biyyattii keessa jiru kan ilaalu danda’an filachuu kootti gammachuu guddaatu natti dhaga'ama jedhaan Barreen..

" Muummichi ministeeraa itti aanaa hogganaa garee hidhattootaa Al-Shabab kan turan Muktar Roboow ministeera dhimma dinagdee fi dhimma amantii gochuun muudaniiru.

Alii Abuu Mansuur jedhamuun kan beekamu Rooboo waggoota sadan darbaniif hidhaa ykn mana keessatti ugguramanii turan. Ministirri Raayyaa Ittisa biyyaa duraanii Abdukaadir Mohaammad Nuur taayitaa isaanii kan itti fufan yoo ta'u, Ahimad Mo'aliim Fiqii ammoo ministeera biyya keessaa ta'uun filatamaniiru. Dubartoonni hedduunis toora Kaabinee keessa seenaniiru. Isaan keessaa Khadijoo Mohamed Diriyee fi Khadijaa Al-Makhzoumii, Paakistaanitti ambaasaaddara Somaaliyaa duraanii turan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG