Xurree ittiin seenan

Breaking News

Af-yaaiin Mana Maree Yunaayitid Isteetis Naansii Peloosii Prezidaantii fi Seera Tumtoota Taayiwaan Waliin Wal Argan


Af-yaa’ii Mana Maree Yunaayitid Isteetis Naansii Peeloosii fi Pirezidaantii Taayiwaan Tsayii Ingi-wee, Taayipeet, Taayiwaan, Hagayya 3, 2022
Af-yaa’ii Mana Maree Yunaayitid Isteetis Naansii Peeloosii fi Pirezidaantii Taayiwaan Tsayii Ingi-wee, Taayipeet, Taayiwaan, Hagayya 3, 2022

Jilli miseensoota mana maree isaanii Taayiwaan daawwachaa jiru Taayiwaaniin qofaa akka hin dhiifne mul’inatti beeksisuuf jecha jechuu dhaan Af-yaa’iin mana maree Yunaayitid Isteetis Naansii Peeloosii Roobii har’aa akka beeksisaniiru. ” Amma, yeroo kamiyyuu caalaa, tumsi Ameerikaan Taayiwaan waliin qabdu murteessaa dha, ergaan nuti as fidaa jirrus kanuma” jedhan Peloosiin.

Labsii haaraa Yunaayitid Isteetis kan oomisha biyya keessaa qaama elektrikii adda ta’e kan kompiitaraa fi meeshaalee elektirooniksii biroof akka bu’uuraatti tajaajilu kan semiconductor jedhamu guddisuu fi dhaabbileen Yunaayitid Isteetis Chaayinaa waliin akka dorgoman gargaaruuf ba’ee illee ibsanii jidran. Peeloosiin paarlaamaa Taayiwaanitti akka himanitti wixineen seeraa kun “tumsa dinagdee Yunaayitid Isteetisii fi Taayiwaaniif carraa guddaa kenna.

Chaayinaan daawwannaa Peeloosii kanaaaf mormii cimaa akka qabdu ibsitee, odola ofiin of bulchitu kana irratti abbaa biyyumma akka qabdutti kan ilaaltu cabsuun fudhatama hin qabu jechuun akeekkachiisteetti.

Peeloosiin Kibxata galgala gamas erga seenanii yeroo muraasa booda, Chaayinaan ambaasaaddara Yunaayitid Isteetis waamtee ka dubbiste yoo ta’u, naannoo lagaTaayiwaanitti shaakala waraanaa dhukaasa kallattiin raawwachuu beeksifte, kunis dhukaasa fageenya dheeraa irraa gara qarqara galaana Taayiwaantti ture.

Kunis, odola kana Chaayinaa guddittii irraa naannoo adda baasu fi daandii doonii barbaachisaa ta'e irra darbu dabalata. Beejiing Roobii har’aa fuduraalee fi qurxummii Taayiwaan irraa galfamu irratti uggurri kaa’eera.

Taayiwaan fi Chaayinaan bara 1949 waraana biyya keessaa booda gargar bahan. Humnoonni sabboonummaa injifatama gara Taayiwaanitti baqatanii mootummaa booda irra gara dimokiraasii dammaqaa ta’etti guddate hundeessan. Ergasii odolattiin paartii Koominiistii Chaayinaan bulfamtee hin beektu ta’us, yoo barbaachisaa ta’e humna fayyadamuun Taayiwaan fudhachuuf dhaadateera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG