Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dooniin Yukireen Midhaan Baate Sakatta’amuuf Turkii Dhaabatee Jira


Dooniin Yukireen midhaan baate Turkii gahe
Dooniin Yukireen midhaan baate Turkii gahe

Erga Raashiyaan dhuma baatii Guraandhalaa keessa weerara ishee jalqabdee as dooniin fe’umsaa jalqabaa Yukireen irraa midhaan alatti ergamu fe’atte roobii har’aa sakatta’iinsa xumurtee jirti.

Ministeerri ittisaa Turkiyaa akka jedhetti, kanneen doonittii sakatta’an doonii Raazonii alaabaa Seeraaliyoon qabdu yeroo Istaanbul irraa fagaatee turtetti doonittii irra gara daqiiqaa 90f turan. Gareen inspeekshinii kun miseensota Yukireen, Raashiyaa, Turkii fi Tokkummaa Mootummootaa kan of keessaa qabu yoo ta’u, isaan hundi rakkoo nyaataa addunyaa mudateef jecha midhaan Yukireen irraa ergamuu deebi’ee akka jalqabuuf waliigaltee taasifame irratti hirmaataniiru.

Dooniin boqqolloo toonii kuma 26 ol fe’attee deemtu kun imala ishee itti fufuun, laga Bosporus keessa kuttee gara bakka itti deemtu Libaanonitti imaluuf jirti.

Ministeerri Bu’uuraalee misoomaa Yukireen akka jedhetti dooniiwwan biroo 17 fe’amanii Yukireen irraa ka’uuf hayyama eegaa jiran.

Sababa waraanaatiin Yukireen keessatti midhaan toonii miiliyoona 20tti tilmaamamu qabamee waan jiruuf, pirezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelenskyy walgahii viidiyoo Kibxata darbe taasisaniin barattoota Awustiraaliyaafi akka himanitti, ergaan jalqabaa “ammallee ga’aa miti,” garuu midhaan erguun kun akka itti fufu nan abdadha jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG