Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hongeen Afrikaa bahaa Muudatee Beelladoota Miiliyooni Torba Ajjeeseera- WFP


FAAYILII - Buufata namoota qehee irraa buqahanii jiranii, Godee, Itoophiy, EBLA 6, 2022
FAAYILII - Buufata namoota qehee irraa buqahanii jiranii, Godee, Itoophiy, EBLA 6, 2022

Haala waggoottan 40 darban keessa mul’atee hin beekneen roobnii waqitti 4 walti annsuudhaan waan hin tureefi jireenyii hawaasa bahaa Afrikaa ammas rakkina keessaa akka turu dhaabbanni sagantaa midhaan nyataa Aduunya -WFPn ibsee jira. Sababa jijjirama haala qileensaa Kanaan kan ke’aa, lammiileen Somaliiyaa, kibbaa fi kibba lixa Itiyoophiyaa, akkasumas jiraattonii kaabaa fi baha keniyaa hanqina nyaataatiin kan ka’ee rakkinaa namoomaa yeroo dheeratiif akka saxilaman kan ibsee WFPn, balla hongee Kannan biyyoottan Sadan keessatti beeladoonni miiliyoonii 7 ta’an du’uu isaanii beeksiseeraa.

WFPti hogganaa dhimma godaantotaa fi qindeessaa gargaarsaa kan ta’n Feliks Okeechi jijjiraminni haala qilleensaa, waltii bu’insaa addunya irra jiraniin walqabatee rakkinaa midhaan nyaataa akka uumee ibsanii rakkinni walti bu’insaa sadarkaa addunya irra jiru qaala’insaa Inerjii waan uumeef jireenyaa lammiilee gaanfaa Afrikaa, hammachaa jiraachuu isaa akka dubbatan gabaasameera.

Balaa Kanaan ijoollewwan Miiliyoonii Torbaa ol ta’an hanqinaa midhaan nyaataa gabbina qaamaa isaaniif gargaaruf waan saxilamaniif lubuun isaanii haala yaaddeesaa keessaa akka jiru dhaabbanni adduunyaa dhimma ijoollewwanii irrati hojjatuu UNICEF gamma isatiin ibsuun isaa gabasamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG