Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ambaasaddaroonni Yunaayitid Isteets  Biyyottan Afrikaa Saditti ramadaman koree seenetii irratti gaafatamanii Jiru


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Dipilomaatonni Mootummaa yunaayitid Isteets biyyoottan Afrikaa Sadii keessatti ambaasadeerotaa taasisuudhaaf kaadhimee Roobii kaleessaa fuula koree Senetii Mootummaa biyaatti duratti dhihaatanii waa’ee hojii isaanii irratti gaaffii dhihaateef deebii kennanii jiru.

Dipilomaatonni Ambaasaddarummaadhaaf kaadhimamman sadanuu dubartootaa yoo ta’an, hojii raawwachiiftuu ykn Chaarje de Affiiyeeiir Yunaayitid Isteets ta’uudhaan Sudaan keessatti hojii dipiloomaasii kan hogganaa jiran Luusii Taamliin Rippaabiliikii Demokiraatawaa Koongootti akka ambaasaddaraa ta’an kaadhimamuun isaanii beekameraa.

Rakkina siyaasaa yeroo amma Koomgoo keessaa jiruu hiikuu irratti waa’ee fala isaan qabanii kan gaafataman Luusii Taamliin, biyyichaa fi ummataa biyyichaa wajjin walquunamuu danda’uun haala jiru jijjiruu danda’a jechuun isaanii gabaasameeraa.

Biyyaa Afrikaa Lixaa haala siyaasaa hin tasgaboomne keessaa jirtuu Maalitti Ambaasaaddaraa Yunaayitid Isteets akka ta’an kan kaadhimamman Raachiinaa Saachideevaa Korhoonen yemmuu ta’an , Jeesikaa Deeviid Ba immoo Ayivori Koostitti akka Ambaasaddara Yunaayitid isteets ta’an kaadhimamanii jiru.

Akka ministeerri dhimmaa alaa Yunaayitid Isteets hubachiiseetti yeroo amma biyyii Maalii akeekkachiisaa sadarkaa Afuraffaa irraa kan jirtuu yemuu ta’u lammilen Yunaayirid Isteets biyya Sanaa akka deemuu hin qabnee ibsameeraa.

RDK fi Ayivorii koost immoo akeekkachiisaa sadarkaa Sadaffaa ykn immoo lammiilen Yunaayitid Isteets garra biyyoottan kanaatti Imaluu barbaadan akka irra deebi’anii itti yaadan kan hubachiisuudha.

RDKn, Maalii fi Ayivorii koost biyyoottan hojiin Ambaasaddarummaa hedduu ulfaataa akka ta’ee Biyyaa Chaad ti Ambaasaddaraa Yunaayitid Isteets kan turan Kristoofer E. Googiizweyit gaaffi VOAtiif deebii barreefamaan kennaniin ibisuun isaanii gabaasameeraa.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG