Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan ejjennoo Jiloota Yunaayitid Isteetisii fi Awrooppaa Tigraay Ilaalchisee Qabanitti Mufatte


FAAYILII - taankii waraanaa barbadaahee karaa qarqara jiru, Humaraa, Caamsaa 1, 2021.
FAAYILII - taankii waraanaa barbadaahee karaa qarqara jiru, Humaraa, Caamsaa 1, 2021.

Mootummaan Itiyoophiyaa jiloota Gamtaa Awurooppaa fi kan Yunaayitid Isteetis kanneen naannoo waraanaan miidhame Tigraay daawwatan, marii nageenyaa fi gargaarsa irratti ejjennoo finciltootaa cinaa dhaabbachuu isaanii himachuun balaaleffateera.

Mariin mootummaa muummicha ministeeraa Abiy Ahimad fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) gidduutti taasifamu ifa gala dha, garuu eenyutu gidduu seenuun akka qabu dabalatee gufuuwwan ijoo ta'antu hafa.

Gaanfa Afriikaaf jila Ameerikaa kan ta’an Maayik Haamer fi kan gamtaa Gamtaa Awurooppaa Anneet Weebar torbee kana magaalaa guddoo Tigraay Mqalee daawwachuun deggersa gamtaa Afriikaa jalatti mariin akka eegalamu dhiibbaa taasisaniiru.

Tigraay keessatti tajaajilli bu’uuraa akka deebi’uu fi gargaarsi naannichaa fi ollaa Affaar fi Amaaraa akka hin daangeffamnees gaafataniiru.

Garuu gorsaan nageenya biyyaalessaa Abiy Reedwaan Huseen ergama jiloota kanaa irratti mootummaan mufannaa akka qabu kamisa kaleessaa twitter irratti barreessuun ibsaniiru.

"Gareen kun marii nagaaf waadaa shakkii hin qabneef dhiibbaa gochuu hin dandeenye, haal-duree qaamni biraa kaa'e guutuutti fuuleffatan," jedhan. Marii jalqabuu dhaan nagaa uumuu haala dandeessiu uumuuf jecha tajaajila bakkatti deebisuu ilaalchisee fedhiin mootummaa irra deebi'amee mirkanaa’ee jira jedhan.

Mootummaan naannoo Tigraay gama isaan ibsa baaseen jiloonni kun walitti bu’uunsa hamaa kana xumuraan ga’uuf tattaaffii isaan godhan galateeffatee jira. Mootummaan naannoo Tigraay jedha ibsi kun humnootiin weerartoota ta’an hundi gamasii ba’uun barbaachisaa ta’uu ejjennoo cimaa qaban, walitti bu’iiinsichi karaa nagaan akka furamuuf cicha jiloonni kun qaban ni dinqisiifanna jedhee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG