Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Deggersa Misoomaa Ugaandaaf Kan Oolu Doolaara Miliyoona $20 Gumaachite


Ambaasaaddar Lindaa Thomas-Griinfild fi Ygaandaatti Ambaasadarii Ameerikaa Nataalii E. Braawon miidiyaaf ibsa yeroo kennan, Kaampalaa, Ugaandaa, Hagayya 4, 2022.
Ambaasaaddar Lindaa Thomas-Griinfild fi Ygaandaatti Ambaasadarii Ameerikaa Nataalii E. Braawon miidiyaaf ibsa yeroo kennan, Kaampalaa, Ugaandaa, Hagayya 4, 2022.

Tokkummaa mootummootaatti ambaara Ameerikaa Liindaa Toomaas-Giriinfiild Rakkoo Wabii Nyaataa Addunyaa Keessa mudateen, Yugaandaa Keessatti Gargaarsa Misoomaaf kan oolu Doolaara Miiliyoona 20 Taasifamuu isaa Ibsa Gaazexeessitootaaf kennaniin beeksisaniiru.

Greenfield akka jedhanitti, waggoota muraasa darban keessatti, sababa weerara COVID-19, jijjiirama qilleensaa, dhiyeessiin hanqachuu, waldhabdee naannoo, fi waraana Puutiin Yukireen irratti labsaniin, nyaata argachuun daran qormaata ta’eera.

Gatiin nyaataa, xaa’oo fi boba’aa akkaanol ka’ee, beelli fi hanqinni nyaataa bal’inaan mul’atus dabalaa dhufeera. Kanaafis Ameerikaan Yugaandaan invastimantii xaa’oo, midhaan, fi midhaan biroo irratti gootu akka babal’atu gargaaruuf doolaara miiliyoona 20 dabalataa kennuu ishee gammachuu dhaan beeksisa jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG