Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Ce’umsaa Sudaan Waggoota Lamaaf Aangoo Isaa Dheeressuu Beeksise


FAAYILII - Pirezdaantii Sudaan Kibbaa Salvaa Kiir, Bitootessa 28, 2022.
FAAYILII - Pirezdaantii Sudaan Kibbaa Salvaa Kiir, Bitootessa 28, 2022.

Hoggantoonni Sudaan Kibbaa seera qabeessummaa isaa ilaalchisee yaaddoon jiraatus, mootummaan waggoota dabalataa lamaaf aangoorra akka turu beeksisaniiru jechuun Mohammed Yusuf Naayiroobii gabaaseera.

Hoggantoonni Sudaan Kibbaa Kamisa kaleessaa akka jedhanitti, , jijjiirama siyaasaa, nageenyaafi filannoo biyyattii tarkaanfachiisuuf barbaachisu xumuruuf hooggansi ce’umsaa biyyattii ji’oota 24 dabalataaf aangoorra kan turuuf jira.

Ministirri dhimmoota kaabinee Maartiin Eliyaa Loomuroo, murteen aangoo dheeressuu kun qormaata waliigaltee nageenyaa bara 2018 waraana biyya keessaa Sudaan Kibbaa xumure hojiirra akka hin oolle rakkoo gufachiise furmaata kennuuf gargaara jedhan.

Waraanni biyya keessaa waggaa afuriifi walakkaaf geggeeffame kun namoota 400,000tti tilmaamaman galaafateera.

Tarkaanfiin Kamisa darbe kun hawaasa addunyaa kan hoggansi kun yeroo ce’umsaa Fulbaana 2020 eegale xumuruu dadhabuu isaatti hin gammanne mufachiisuu hin oolu.

Waliigalteen nageenyaa kan bara 2018 irra ga’ame, biyya haaraa tolfamte kan addunyaa kana tasgabbeessuuf jijiirama nageenyaa, haqaa, heera mootummaa fi filannoo akka taasifamu gaafatee jira.

Ogeeyyiin akka jedhanitti, hooggansi kun haaromsa yaadame guutummaatti hojiirra oolchuuf suuta jedheera.
Baatii Adoolessaa keessa Yunaayitid isteetis adeemsa nagaa biyyattii keessaa ba’uu dhaan, gareen martinuu rakkoo siyaasaa fi nageenyaa dhaabsisuu fi haaromsa barbaachisu gochuu hin dandeenye jetti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG