Miseensonni paarlaamaa Somaaliyaa Wiixata darbe masaraa prezidaantii magaalaa Moqdishootti walitti qabamuu dhaan, torbee darbe ministiroota kaabinee haaraa muummicha ministeeraa Hamzaa Abdii Baareetiin muudaman sagalee guutuun raggaasisaniiru. Yeroo sagaleen kennamuttis, dhohinsi mortaaraa hedduun magaalaa guddoo biyyattii rukuteera jedha gabaasi Mohamed Dhaysane Moqdishoo irraa ergame.
Af-yaa’iin paarlaamaa Somaaliyaa Adan Mohaammad Nuur Madoobee masaraa mootummaa Hargaisaa jedhamu kan eegumsa cimaa jala ture keessatti walga’ii gaggeeffame irratti akka dubbatanitti, miseensonni paarlaamaa 229 kaabinee dhiyaateef sagalee kennanii, torba mormii kan dhiyeessan yoo ta’u, tokko ammoo sagalee hin kennine.
Muummichi ministiraa Haamzaa Abdii Baarree sagaleen erga kennamee booda paarlaamaa irratti haasaa taasisaniin b’ii isaa simatanii jiru.
Uummata keenya hongeen mudate akkamitti akka gargaarru, nageenya irratti hojjennee sagantaa keenya isa fuul-dura keessan jiru hojiirra oolchuuf tokkummaa fi itti gaafatamummaa dhaan rakkoo nu mudatee jiru irra aanuuf yeroo itti waadaa gallu ka birooon akka jiraatun fedha Ammas raggaasifamuu keessaniif irra deebi’ee isin galateeffachuun barbaada” Jedhan Barreen
Ministiroota paarlaamaan raggaasise keessaa Mukhtar Robow Ali, Abu Munsor jedhamuun beekam itti aanaa hogganaa fi dubbi himaa garee hidhattootaa al-Shabab duraanii turan. Amma tajaajilaa dhimma amantii ta'anii jiru.
Miseensa paarlaamaa federaalaa kan ta’an Mursal Mohamed Khaliif adeemsa raggaasisuu ilaalchisee VOA waliin haasa’aniin, “Miseensonni paarlaamaa muraasni adeemsa falmii irratti jeequmsa uumuuf yaalan illee, miseensonni paarlaamaa harki caalaan, isaan keessaa 229, Kaabinee haaraa raggaasisuuf sagalee kennaniiru. Qaama adeemsaalee sanaa ta’uu kootti baay’een gammada, Kaabinee haaraa hundaaf hojii isaanii raawwachuu irratti milkaa’ina hawwaaf jedhan Barreen.
Kanneen moqadishoo keessaa ijaan argan akka jedhanitti dhukaasi mortaaraa hedduun naannoo masaraa prezidaantummaa dha’ee jira. Dho’iinsa mortaaraa torba dho’eef al-Shababtu itti gaafatama fudhate.
Forum