Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaan Har’a Filannoo Biyyaalessaa Deemsisataa Jirti


Faayilii: Namoonni Kibxata Hagayya 9 bara 2022 filannoo prezidaantummaa Keeniyaaf sagalee kennuuf toora galanii jiru.
Faayilii: Namoonni Kibxata Hagayya 9 bara 2022 filannoo prezidaantummaa Keeniyaaf sagalee kennuuf toora galanii jiru.

Lammileen keeniyaa Kibxataa har’aa prezidaantii biyyatii filachuudhaaf sagaalee isaanii keenaa oolan. Filaannoo kana irratii kan waliin dorgomaa jiraan muumeen ministiraa duraanii Raayilaa Odiingaa fi Itii-anaa Przedaantii biyyattii kan turaan wiliyaam Ruuttoo adeemsaa filannichaa ilaachisuudhaan ibsaa kennanii jiru.

Waggootan 25nan darbaniif presidaatumaadhaaf kan dorgomaa turaan maagudoon wagga 77 Rayilaa Odiingaa yemmuu filannichi taasisamaa jiru kannatii ibsaa kennaniin “Gatiin siyaasaa an kaffaluu qabuu yoo jiraate nan kaffalaa. Wareen na wajjin dorgoman harkan fuudha. Yoon moo’e harkan fuudha. Yoon mo’ames harkan fuudha. Wanti ani kanna godhuuf Raayilaa Amooloo Odiingaa caalaa wanin Keeniyaa Jaaladhuuf.” jedhan.

Itti aanaa prezidaantii Wiliyaam Ruutoo gamma isaaniitin ibsaa kennaniin, “Kun gahuu qaba. Bilisumaan dhufaa jira. Kibxata har’aa ummanni Keeniyaa mootumaadhaa oli ta’ee mul’ata . Ummanni Keeniyaa sirna olii ta’ee mul’ata. Biyyaa lammiin Keeniyaa kamiyyuu gara duubaatti hin dhiibamne qabaachuudhaaf adeemaa jirra.”jedhaniiru.

Ba’in filanichaa torban kana keesaa iffatii beekamaa jidhamee eegama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG