Xurree ittiin seenan

Breaking News

FBI Mana Prezidaantii duraanii Doonaald Traamp Sakatta’e


Mana jireenyaa prezidaantii duraanii kan Doonaald Traamp Mar-A-Lagoo Filooridaa Jiru

Biiroon qorannoo feederaalaa Yunaayitid Isteets ykn FBI mana prezidaantii duraanii Doonaald Traamp isaa kutaa biyyaa Flooridaa bakka paalm biichi jedhamuu ti argamuu Sakatta’uun isaa gabassamee jiraa.

Sakatta’iinsaa Mana prezidaantii duraanii kana irratti raawwteen sanduuqinni wanneen qaalii ta’an keessaa kaawwataman akka FBIn fudhataman beekameeraa. Doonaald Traamp sakatta’insa mana isaanii irratti raawwate ilaalichisee wixata keleessaa yaada kennaniin “Prezidaantii Yunaayitid Isteets irratii wantii akkanaa tasa ta’een hinbeku” jedhaniiru.

Itti fufudhaaniis qaamaa feederalaa mana isaanii sakatta’eef tolee akka jedhan himanii sakatta’insichii waan ittuu dursee hin himamin taasifamee fi waan barbaachisaa akka hin taane dubatanii jiru Tramp.

Ministeerrii haqaa mootummaa Yunaayited Isteets mi’a mana Doonaald Traamp keessaa argamee FBI qabamee irratti qoranoo taasisaa jiraachuu isaa ibsuu irraa kan hafee, waa’ee waan manaa prezidaantii duraanii kessaa qabamee irratti wantii jedhee hin jiru.

Jalqaba baraa kaanaa, Bulchiisiinii Kuusaa fi galamee biyyaalesaa National Archives and Recording Administration, mi’aawaan iffaa bahuu hin qabnne ykn dhoksaan qabamuu qaban saduuqa 15 mana Doonaald Traamp keessatti argaamuu isaa ibsun isaa gabaasameeraa.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG