Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyottan Afrikaa Sadii kan daawwachaa jiran Antoonii Bliinken


Ministriin haajaa alaa Yunaayitid Isteetis Yuniversitii Piritooriyaa Kan Afriikaa Kibbaa Keessatti Haasaa Ennaa Dhageessian Hagaya 8 bara 2022
Ministriin haajaa alaa Yunaayitid Isteetis Yuniversitii Piritooriyaa Kan Afriikaa Kibbaa Keessatti Haasaa Ennaa Dhageessian Hagaya 8 bara 2022

Daawwanaa isaanii Afrikaatti taasisaa kan jiraan ministirii dhimma alaa Yunaayitid Isteets Antoonii Bliken wixataa kaleessaa Afrikaa kibbaa Yuniverstii pritooriyaa keessatti hasaa taasisaniin barbaachisumaa dimokiraasii fi sodaa dimokiraasii ijaaruu irratti jiruu kaasuun isaanii gabaasameera.Blinken Egeree Afrikaa ilaalchisuudhaanis akkana jedhaniiru. “ barara 2050 Adduunyaa irra jirru kana namoottan waliin qooddanu harka Afur keessaa harkii tokko lammii Afrikaati. Isaan carraa Afrikaa qofa ittuu in ta’in carraa addunyaa kan tolchuu danda’anuudha. ” jedhaniiruu.

Blinken haasaa isaanii kana keessatti waa’ee miidhaa weerarri kooviid dinagdee irratii geesisee, waa’ee rakkina walwaranisii Raashaa fi Yukireen wabii midhaan nyaata irratti umee dubachuun isaanii, akka sumas waa’ee waltii bu’isaa hanqisuu, waa’ee oduu dharaa tooraa internaataa irraan tamsa’uu, waa’ee Sayinsii fi Tekinooloojii,waa’ee jijirama qileensaa fi Enerjii qulqulluu baldhinaan dubachuun isaan beekameeraa.

Haasaa tarsiimoo yunaayitid Isteets Afrikaa irratti qabduu irratii hundaa’ee taasifamee kana irratti kan hirmaattan barattonni Yuniversitii Piritooriyaas gaafii fi yaadaa dhiheesuun keessatii Yunaayitid Isteets fedhii Afrikaa dhageefachuu akka qabduu fi seenaa Afrikaa ilaaluu akka qabdu yaadachiisun isaanii gabaasmeera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG