Gaanfaa Afrikaatti bakka bu’aan addaa Yunaayitid Isteets Maayik Hamare daawwanaa isaanii Itiyoophaa keessatti Torban Lamaaf taasisaniin haanga’otaa mootummaa Itiyoophiyaa fi bakka bu’otaa gamtaa Afrikaa wajiin wa’ee carraa fi yaalii nageenyaa Itiyoophiyaa fi naanichaa irratti erga marii taasisanii boodaa Itiyoophiyaadhaaf Afrikaa keessatti naga buusuudhaaf kutannoo Yunaayitid Isteets qabduu akka ibsan ibsii Embaasii Yunaayitid Isteets Finfinnee jiruu irraa bahe beeksisera.
Daawwanaa isaanii kana irratti dhimma Itiyoophiyaa ilaalchisee fedhii Yunaayitid Isteets ibsuu isaanii kan himan Maayik Hamar, biyyi isaanii birmaduumaa fi daangaa Itiyoophiyaatif kabajaa qabduu akka ibasn dubbatanii jiruu. Wa’ee hidha laga abbayyaa irratiis beekumsa argachuu isanii dubbataniiru.
Daawannaa bakka bu’aa adda kana ilaalchisee ibsii Embaasii irraa bahee kun akka dabalee jedhetti Yunaayitid Isteets degersa fayyaa , misoomaa fi gargaarsa namoomatiif Doolaara Biiliyoonii 1.3, akkasumaas dhiheenyaa kana karaa Dhabbataa Misoomaa Addunyaa Yunaayitid Isteets /USAID gargaarsii Doolaaraa miiliyoonii 400 fi miiliyoonii 88 taasifamuu isaa ibse jira.
Karaa biraatiin walgaahii Mudee 13-15 barra 2022 Washingteen biyyoottan Afrika wajjiin taasisuudhaaf karoorfatte irratti itti anaa muummee ministeraa fi ministira dhimma alaa Itiyoopiyaa Dammaqee Mekonin wajjin maryachu isaanii Itiyoophiyaatti hojii raawwachiiftuun mootommaa Yunaayitid Isteets Ambaasadar Tresii Jaakobson himuu isaanii ibsii Embaasii Yunaayitid Isteets bahe kun beeksiseera.
Forum