Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa Tarsiimoo Hoogganoota WBO Laamshessuu, Jedhu Baafatee Kan Tarkaanfii Fudhataa Jiru Tahuu Beeksise   


Mootummaan Itiyoophiyaa Tarsiimoo Hoogganoota WBO Laamshessuu, Jedhu Baafatee Kan Tarkaanfii Fudhataa Jiru Tahuu Beeksise
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:23 0:00

Mootummaan Itiyoophiyaa Tarsiimoo Hoogganoota WBO Laamshessuu, Jedhu Baafatee Kan Tarkaanfii Fudhataa Jiru Tahuu Beeksise

Mootummaan Itoophiyaa, Riphxe Loltoota “Shanee” jechuun waamu, Isaan ammoo Waraana Bilisummaa Oromoo jechuun of waaman 3180 qabuu fi kanneen harka hin kenninu jedhan ammoo ajjeesuu himuun ibsa kennee jira.

Di’eetaan Ministira Tajaajila Komunikeeshinii Itoophiyaa Salaamaawit Kaasaa, “Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa walgayii tibbana gaggeesseen, “hooggantoota gurmuu Riphxe loltoota Shanee irratti akka tarkaanfiin fudhatame murtaa’eera” jechuun Sagalee Ameerikaatti himan.

Gama biraan Ajajaa itti-aanaan Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa tibbana Moyyaaleetti qabame, jechuun illee himan. Dubbi-himaan Waraana Bilisummaa Oromoo - Obbo Odaa Tarbii immoo, “mootummaan akka hoogganoota WBO haleeluutti fuuleffatee duula geggeessaa ture ni beekna. Garuu, tokkottiyyuu hin milkoofne. Injifannoon inni labsatus sobuma baratame” jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG