Prezidaantiin yunaayitid Isteets duraanii Doonald Traamp Biiroon Qoraannoo Feederaalaa ykn FBI sakatta’iinsii mana isaanii isa kutaa biyya Filooridaa bakka Maara Laagoo jedhamu jiru irratti taasisee dhiibbaa siyaasaa irratti kan hunda’eedhaa jechuun isaanii fi sakatta’iinsii taasifamee Domaald Trump yemuu wajjiraa prezidaantummaa gadi lakkisaanii bahan galmeewwan mootummaa harka nama dhuunfaa ta’uu hin qabnee gara mana kuusaa fi galmee biyyaalessatti waan hin deebifinef qoraanoon yeroo dheera akka taasifamaa ture gabaasamee jira.
Gabaasiin Paatsiyy Widakusiwaraatin masaraa waayit Haawus irrra qindeeffame akka jedhetti filaannoo prezidantummaa dhufuuf kan dorgomuuf carraaqaa jira Doonald Trump ergaa sakata’insichii taasifamee boodaa ergaa deggertootaa isaaniif imeelidhaan dabarsaniin tarkaanfiin mana isaanii irratti taasifamee akka isaan bakka bu’aa Paartii Reppabiliikotaa ta’anii hin dorgomne maqaa isaanii ballesudhaaf dhiibaa Partii Dimokiraatotaa taasiseen akka ta’ee ibsanii jiru.
Tarkaanfichii misensotaa paartii Rippaabilikaanotaa wareen mana maree mootumma keessa jiran kan mufaachiise yemmuu ta’u, itti gaafatamtuun dhimma preesii masaraa waayit haawus Kaaren Jeen piyerii ibsaa oduu gabastotaaf keennanin waayit haawus dhimmichaa akka dursee hin beeknee yemmuu ibsan,
“Sochii kana ilaalchisee waan dursinee beeknu hin qabnuu. Prezidaant Baayideen prezidaantii ta’ani flatamuu isanitiin duraa kaasee yemuu waajiraa keessa turaan hunda ministirrii haqaa qorannoo isaa akka of danda’ee taasisuu ifatii beeku. Olaantumaa seeraatii ni amanuu.” jedaniiru.
Amajii 6 masaraa muutummaa biyyatii irratti jeequmasaa raawwateen walqabatee Prezidaantii duraanii Doonald Turaamp irratii qorannoon taasifamaa akka jiru waan beekamuu dha.
Forum