Xurree ittiin seenan

Breaking News

Loltoonni Waraanaa Burkina Faasoo 15 Hidhattota Finxaaleyyiin Ajjeefaman 


Faayilii: Burkinaa Faasoo Keessatti loltoonni mootummaa 15 ajjeefaman
Faayilii: Burkinaa Faasoo Keessatti loltoonni mootummaa 15 ajjeefaman

Burkiinaa faasoo keesaatti hidhattoonii amantaa lallaban balaa boombii geesisaniin loltoonni mootummaa 15 du’uu isaanii haanga’oonni waraan biyyatti ibsaaniru.

Kutaa walakkeesaa kibba biyyatti bakkeewwan Bo’urizaangaa fi Jibo jedhaman gidduutti Balaa waltii aansee qaqqabee Lama keessaa inni duraa dhoohisaa boombii karaa irraatti awwalameetiin kan ka’ee yoo ta’u, konkola’ataan loltootaa sakkata’insaa naanootiif bobba’an fe’ee adeemaa ture boobbii awwalamee irraa waan ejjateef loltonni heduun midhamaniiru.

Dhoohinsaa jalqabaa kana hordoofuudhaan yemmuu loltoonii naanoo isaanii qulquleessanii gara konkola’ataa isaaniitti deebi’aa jiran fageenyaa irraa boombii dhoosifameen midhaan hamaan akka qaqqabee beekameera.

Burkiinaa faasoo keessatti gareen al- Qaayida Islaamiik ISteetes jedhamee beekamuu namoottan kuma lakawwaman ajjeesee kan Miiliyoonii Tokkoo fi qabxii 9 ta’an immoo qe’ee isaanii irraa akka buqqisee gabaasameeraa.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG