Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiisni Naannoo Somaalee Dulaa Al-Shabaab Irratti Deemsisamuuf Uummataa fi Humna Isaa  Sochoosaa Jira 


AL-SHABAB FIGHTERS
AL-SHABAB FIGHTERS

Bulchiinsii naannoo Somaalii sochii gareen hidhattootaa al- shabaab tibbana taasisaa jiru dura dhaabbachuudhaaf hawaasa fi umnaa nageenyaa sochoosaa jirachuun isaa gabsameeraa.

Naannon somaalii erga baraa 2018 as naga qabeesaa akka turee kan ibse gabaasini VOA Afaan Somaalii, erga torban Sadan darbanii keessa gareen al- Shabaab daangaa Itiyoophiyaa seenee haleellaa raawwachuu jalaqabee as nageenyii naannichaa ijoo dubbii ta’e jira.

Sochii al- Shabbab kan fashaleessuudhaaf waraanni mootummaa federaalaa daangaa irratti kan bobba’e yemmuu ta’u, mootummaan naanoo Somaali gamaa isaatin hawaasnii akka sochii al -Shabbab kana irratti duuluu taasisaa jiraachuun isa beekameeraa.

Hogaantoonni amantaa, abbootiin qabeenyaa,dubartoonni fi jaarsoliin biyyaa akkasumas horsiisee bultoonni akka ilaalchaa al-Shabaab irratti duulaan taasifamaa kan jiru yemmuu ta’u, abbootiin qabeenyaa maallaqaan, horsiisee bultoonni beeladoota isaanii umnottan al-shabaabin loludhaaf bobba’anif gargaaraa akka jiran gabasameeraa.

Walgahii dhiheenya kana magaalaa Jigijigaa keessatti taasifamee iraatti kayyoo al -Shabaab ilaalchisee kan yaadaa kennan Sheek Mohaamed Hasaan Buraawii al- Shabba akka amantaa fi jahaada geggeesaa jirutti ummata kakasuu yaalaa jiraachuu isa ibsanii, al- Shabba kan lallabaa jiruu Jihaadaa ittu hin ta’in walabuummaa amaantaa waan ta’eef mootummaan, hogantoonii ammantaa fi hawaasnii carraa keennuuf akka hin qabnee hubachiisuun isaanii gabaasameeraa.

Akka haanga’onii mootummaa jedhanitti sochiin al-Shabaa kan xiyyeeffatee jiruu garaa naannoo maagaalaa Elkerree yoo ta’u, bakki kun bakkaa tuluu qabuu, bakka rakkinaa bishaanii fi midhaan hin qabne fi jiraattonii naanno sanaas waa’ee dhimmaa lafatiin walqabatee komii kan qaban ta’uun isaa ibsamee jiraa. Magaalii Elkerree magaalaa naanoo Somaalii daangaa naannoo Oromiiyaa irraa jirtuu akka taate ibsameraa.

Al -Shabaa nannoo Elkerree keessati degertootaf miseensotaa qopheffataa akka turee kan ibsee gabaasiin kun, Adooleesaa 15 bara 2022 Umnoottan nageenyaa Mootummaa naannoo Somalii nama degeraadhaa fi ajjaa garee al-Shabba naannoo Sanaa akka ta’an kan ibsee Sheeh Mohaamad Hasan Usumaan Ajeesuu isaa gabaasnii Haaruun Maaruuf VOA Afaan Somalii irraa qindeesse ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG