Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humna Meegawaatii 375 Maddisiisuu  Danda’u Kan Qabu Kutaan Hidha Laga Abbattaa Lammaffaan Har’a Hojii Jalqabuun Gabaasame


Faayilii: Hidhi laga Abbayyaa humna ibsaa maddisiisuu eegale
Faayilii: Hidhi laga Abbayyaa humna ibsaa maddisiisuu eegale

Ityoophiyaan har'a tarbaayinii lammaffaa Hidha Laga Abayyaa irratti ijaaramaa jiru irraa humna ibsaa maddisiisuu eegalteetti. Tarbaayiniin , Yuunitii 9 jedhamu kun dandeettii dhaabbataa meeggaa waattii 275 qaba.

Tarbaayiniin jalqabaa Fulbaana darbe eebbifame, kanaan dura humna ibsaa meeggaa waattii 375 maddisiisaa tureera. Muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed tarbaayinii lammaffaan humna maddisiisuu eegaluun isaa milkaa’ina guddaa dha jechuun ibsaniiru.

Masrii fi Sudaan "Itoophiyaan qofaa ishee hidha laga Abbayyaa irraa humna maddisiisuu jalqabuuf murteessite" irratti yaaddoo ibsaa turaniiru.Waliigaltee Labsii Dudhaalee bara 2015 Finfinnee, Kaayiroo fi Kaartuum gidduutti mallattaa'e kan cabsu ta'uu dubbatu.

Muummichi ministeeraa Abiy Ahimed kan oduu qofa kan ture hidha laga seenaa taasisuu keenyatti ni boonna jechuu dhaan, uummata Itiyoophiyaa maraan ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru. Masrii fi Sudaan illee marii irra taree filmaanni ka biroon akka isaan hin baasne beekanii mariif akka qophaa’an yaadachiisaniiru.

Biyyoonni yaa’a laga kanaa gara gadii jiran kun lamaan hidhi sun miidhaa adda addaa akka isaan irraan ga’u ibsuu dhaan mormii isaanii kan itti fufan yoo ta’u, lagi kun sadaffaa guutuamuu isaa mormuu dhaan masriin torbee gola naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaaf xalayaa ergitee jirti.

Muummichi ministeeraa Abiy yaaddoo Masrii fi Sudaan kaasan fudhatama dhabsiisuu dhaan, bishaan kun akkuma kanaan dura gara Sudaanii fi Masritti yaa'aa turetti osoo yaa'u humna ibsaa maddisiisa jedhan.Projektin hidha laga Abbayyaa yeroo xumuramu humna ibsaa meeggaa waattii kuma 5 ol ni oomisha jedhamee eegama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG