Xurree ittiin seenan

Breaking News

Antonii Bliinken Dawwannaa Isaanii Biyyootii Afriikaa Xumuruu Dura Rwaandaa Daawwataa Jiran


Prezidaantii Ruwaandaa Pool Kaagaamee fi Miinistrii Dhimma Alaa Ameerikaa Antonii Biliinken
Prezidaantii Ruwaandaa Pool Kaagaamee fi Miinistrii Dhimma Alaa Ameerikaa Antonii Biliinken

Ministiriin Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Antony Blinken Ruwaandaa keessa kan jiran yoo ta’u, kunis daawwannaa biyyoota sadii Afrikaa irratti taasisan irratti bakka dhumaa yoo ta’u, achitti tarsiimoo haaraa Waashingitan biyyoota Afrikaa uffee Sahaaraa gadii waliin akka “michoota walqixaatti” bobba’uuf qabdu ibsaniiru.

Blinken gara Ruwaandaa kan dhufan naannoo Haroowwan Gurguddoo Afrikaaf yeroo addatti rakkisaa ta’etti yoo ta’u, biyyi xiqqoo giddu galeessa Afrikaa kun mootummoonni lamaan finciltoota wal morman deeggaru jechuun biyya hollaa Koongoo waliin wal dhabdee keessa jirti.

Walgahii Kamisa darbe pirezidaantii Ruwaandaa Pool Kaagaamee waliin taasisaniin, Blinken waldhabdee jiru salphisuuf tattaaffii taasifamu irratti ni mari’atu jedhamee eegama.

Ministeerri Dhimma Alaa akka jedhetti Blinken hacuuccaa biyyoota ollaa dabalatee yaaddoo dimokiraasii fi mirga namoomaas ilaalchisees mari’achuuf jiru.

Kibxata darbe Koongootti aangawoota waliin erga wal arganii booda, Blinken akka jedhanitti, lola kana dhaabuuf tattaaffii Afrikaan durfamu Yunaayitid Isteetis ni deggerti.

Ruwaandaa fi Koongoon lamaan isaanii iyyuu himannaa gareewwan finciltootaa deeggaruun himataman kan haalan yoo ta’u, aangawoonni Ruwaandaa gabaasa yeroo dhiyootti ogeeyyiin Tokkummaa mootummootaa dhiyeessan “dhimma dhugaa irraa yaada maqsuufi” jechuun fudhatama dhabsiisan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG