Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hongeen Somaaliyaa Uummata Miliyoona Tokkotti Hedamu Qe’ee Irraa Godaanuuf Sababaa Ta’e


FAAYILII - Lammiiwwan Somaaliyaa kanneen hongee jalaa dheessan gargaarsa nyaataa Eeggataa jiran
FAAYILII - Lammiiwwan Somaaliyaa kanneen hongee jalaa dheessan gargaarsa nyaataa Eeggataa jiran

Somaaliyaa keessatti gogiinsa hamaa mudate irraan kan ka’e lakkoofsi namoota qe’ee isaanii irraa buqqa’an miliyoona tokko ol kan ga’e yoo ta’u, fedhiin yeroo hatattamaa yeroo dhiyootti yoo hin guutamne beelli bal’inaan akka mudatu Tokkummaan mootummootaa akeekkachiiseera jechuun Mohaammad Dhaaysanee Moqdishoo irraa akka gabaaseera.

Waajjirri Qindeessa Dhimmoota Namoomaa kan tokkummaa mootummootaa OCHA Kibxata kaleessaa akka jedhetti, Somaaliyaa waggoota 40 ol keessatti gogiinsi hamaan mudate, haalli gogiinsi kun hammaataa dhufuu isaatiin lammiilee Somaaliyaa miliyoona tokko qe’ee isaanii irraa buqqiseera.

Angawoonni tokkummaa mootummootaa akka jedhanitti baatii Adoolessaa keessa namoonni 83,000 biroo sababa gogiinsa mudateen qe’ee isaanii baqachuuf dirqaman, buqqa’iinsi hamaan naannoo Bay, Banadir fi Gedo keessatti mudachuuf jira.

Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Tokkummaa mootummootaatti itti aanaan qindeessaa balaa ariifachiisaa kan ta’an Ishaakuu Msheeliyaa roobii kaleessaa VOAtti bilbilaan akka himanitti namoonni nyaataafi gargaarsa biroo barbaachaaf godaansaa irra jiru. FAOn gargaaruuf yaalaa jira jedhan.

“Akka hawaasa gargaarsa namoomaatti dandeettiin keenya namoota dhibee kanaan miidhaman hawaasa isaanii keessa jiran bira ga’uu fi tajaajila isaan barbaachisu kennuu danda’uu, akka isaan qe’ee isaanii-tii hin baanee fi gargaasa arganna abdii jedhuun godaanuuf akka hin saaxilamne gochuu dha. Kan nama dhibu, gogiinsa kanaan dura mudate, wanti nuti argine, namoonni gargaarsa barbaaduuf ennaa godaanan namoonni hedduun du’uu isaanii ti.” jedhan.

Dhaabbati nyaataa fi qonnaa kan tokkummaa mootummootaa kan Somaaliyaa keessaa karoora ittisa beelaa, uummata baadiyyaa keessa jiran gara miliyoona tokkoo ta’an gargaaruuf doolaara miiliyoona 130 akka barbaachisu ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG