Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhi laga Abbayyaa Humna Elektiriikaa Maddisiisuu Jalqabuun Isaa Ibsamee Jira


FILES-Hidha laga Abbayaa
FILES-Hidha laga Abbayaa

Bulchiinsaa naannoo Beenshaangul Gumuz tulluu Gubaa jallaatti akka lakkoofsaa Itiyoophiyaa bara 2003 kan jalqabamee hidhii lagga Abbayaa marsaa sadaffaadhaaf ergaa bishaaniin guutamee boodaa hagayaa 11 bara 2022 umna Elektiriikii maddisiisuu jalqabuu isaa muumeen ministiraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimad fi Prezidaantiin mootummaa Itiyoophiyaa Saahileworq Zawuudee iffatti beeksisuun isaanii gabaasamaa jiraa.

Sochiin hidha laga Abbayya kun biyyaa Masir fi Sudaaniin Yaaddesaa yemuu jiruu kkanatti, Laginni Abbayyaa qabeenyaa walooti kan jedhan muumeen ministiraa Itiyoophiyaa Abiy Ahmad Itiyoophiyaan, Sudaani fi Masr yoo waligalanii Socho’an ofii isaanii irraa darbanii biyyotaan Afrikaa birootif akka bu’a buusuu danda’a ibsuun isaanii gabaasameraa.

Hidha laga Abbayaa marsaa Sadaffadhaaf bishaan itti guutuun akka isaan gammachiisee kan ibsan prezidaant Saahlewerq Zawudee, sadarkaa kana irraa gahuudhaaf yaadaa maddisiisuu irraa jalaqabee gumaachaa adda addaa kan taasisan hoggantootaa biyyatti duraani fi kan ammaa galateeffachuu isaanii gabaasnii Kenedii Abaatee ibsee jira.

Hojiin hidhichaa dhibentaa 83 raawwachuu isaatiif wagga Lamaaf walakkaa keessatti akka xumuramuu hogganaa Proojekitti hidha laga Abbaya Injineer Kiflee horroo Waabeffachuudhaan AFP gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG