Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Mootummaa Itiyoophiyaa fi Angawoonni Mootummaa Naannoo Tigraay Wal Arguun Isaanii Gabaasamee Jira


Faayilii: Koree Araaraa Itiyoophiyaa
Faayilii: Koree Araaraa Itiyoophiyaa

Mootummaan Itiyoophiyaa fi mootummaan naanno Tigraay marii nageenyaa taasisudhaaf kallatiidhaan wal arguu isaanii ibsaa Gamtaan Afrikaa kamsa kaleessa yeroo jalqabaatiif ifaa taasise wabeffachuu dhaan maddi oduu Ajaans Firaans Prees gabaasee jiraa.

Ibsii hagayya 4 bara 2022 akka bahee agaarsiisuuf kamsa kaleessaa tooraa masaritii mana maree nagaa fi nageenyaa irratti bahee kun mootummaan Itiyoophiya fi ABUT kalatiidhaan wal arganii dubbachu isaaniif bakka bu’aa olaanaa gamtaa Afrikaa eeree jira.

Gareewwan wal waraansa irraa jiran Lamman waldhabiinsaa isaanii akka karaa nagaadhaan xumuran bakka bu’aan adda gamtaa Afrikaa Oluseegun Obasaanjoo prezidaantii Najeriyaa duraanii akka jaarsumaadhaaf deddebi’aa turan kan ibsee gabbasii AFP kun, garewwan Lamman marii nageenyaa taasisuudhaaf fedhii agarsiisanus, qaamaa marii isaanii geggesuu irratti akka waligalteen hin qabnee ibsee jiraa. Mootumaan Itiyoophiyaa ibsaa gidduu kana baasaa jiruun mariichaa kan hogaanuu qabuu gamtaa Afrikaa ta’uu qaba Yommuu jeedhuu gareen mootummaa naannoo Tigraay immoo pezidaantii keniyaa Uhuruu keeniyaataa naaf wayyaa jechuun isaa gabaasamee jira.

Gabaasnii AFP kun gareen mootummaa federaalaa Itiyoophiyaa fi gareen Mootummaa naannoo Tigraay yoom, essatti akka wal argaaniif maal irratti akka dubbatan wantti ibsee hin jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG