Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addunyaan sagantaa Nukleera Raashaa Irra Ugguura kaa’uu Qaba: Zalanskii


Faayilii-Prezidaantii Yukireen Volodimiir Zeleniskii
Faayilii-Prezidaantii Yukireen Volodimiir Zeleniskii

Sagantaa Nukleera Raashaa irra ugguura haaraan akka ka’amu prezidaantiin Yukreen Volaadmiir Zeleenskii gaafatanii jiru. Kanas warshaa zaaporojiyaa kan Yukreen gama kibbaa keessatti argamuu fi to’annaa Raashaa jala jiru yaaddoo uumee yeroo jiruu ti.

Zalanskiin Wiixata kaleessaa galgala haasawaa dhageesisaniin, dhimmi kun fixiinsa dhaqqabsisuu akka maluu fi biyyoota kutaa Sanaa ka biroofis sodaa ta’u isaa akeekkachiisan.

Addunyaan amma jabina qabu agarsisuun warshaa Nukleeraa kana irratti murteessuu hin danda’uu taanaan, addunyaan harkaa ba’eera jechu dha kan jedhan Zalankiin.

Raashaa fi Yukreen inni tokko isa kaaniin, naanoo warshaa Nukleeraa sanatti dhukaaste jechuun wal yakkaa jiru.

Angawaa Raashaan magaalaa Yukreen kan taate Energodaar keessatti muuddee akka jedhanti haleellaa Yukreen gaggeessite warshaa sana cina bu’e. Angawoonni yukreen immo gama isaaniin, haleellaa Yukreen gaggeessite fakkeesuuf kan haleellaa kana gaggeesse humnootii Raashaa ti jedhu.

Ministeerri ittisaa kan Yukreen RSA f akka ibsanti, nutii warshaa keenya haleelan jedhamuun keenya hiika hin qabu jedhan. Sababiin isaas jedhu, Nukleerri dhala namaa irratti balaa guutuummaan dhaqqabsisuu har’a ni hubanna jedhan.

Bara1986 waan gaddisisaa cheeroobel irratti dhaqqabe irraa hafne jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG