Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gamtaan Awuroopaa Maallaqa Dabalataa Kennuuf Jira


Faayilii: Loltoonni humnoota nageenyaa Ruwaandaa naannoo bakka gaazii uumamaa Afungi, Mozaambii cinatti Fulb. 22, 2021.
Faayilii: Loltoonni humnoota nageenyaa Ruwaandaa naannoo bakka gaazii uumamaa Afungi, Mozaambii cinatti Fulb. 22, 2021.

Gamtaan Awuroopaa imala waraanni Afrikaa Mozaambiik keessaa qabuuf kan ooluu deggersa maallaqaa kennu dacha shaniin dabaluuf karoorfachuu isaa galmeen jaarmayichaa keessaa argamee ibsee jira.

Kunis Haleellaa hidhattonni Islaamaa proojektii Gaazii iddoo Sanaa irratti gaggeessuuf sodaachisaa jiran ittisuuf yoo ta’u, wanni achi irraa argamu gamtaan Awuroopaa Gaazii Rashaa irratti hirkachuu hanqisuuf gargaara jedhamee jira.

Sababaa duula waraanaa Yukreen irratti gaggeeffamuu maddi Eneerjii Awuroopaa akka xiqqaatu gochuun, handaara galaana Mozaambiik gama kaabaa keessaa Gaaza akka barbaadan taasisee.

Iddoo sanatti kaampaanileen boba’aa kan biyyoota gama dhiyaa Gaazii uumamaa bifa dhangala’an omishuuf hojii ijaarsaa guddaa hundeessuuf karoorfatanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG