Mummichi ministeera Keniyaa duraanii Raa’ilaa Odiingaa ba’ii filmaataa ifatti labsame kan dorgommii prezidaantii biyyaaf ta’een injifatamuu isaanii labse fudhatama dhabsisanii jiru.
Odingaan Kibxata har’a Televiziyoonaan ibsa kennaniin, ba’iin filmaataa komiishiina filannoo Keniyaan labsamee seera qabeessa kan hin taanee fi kan gatii hin qabne jedhan.
Akka ilaalcha keenyaatti jedhan filatamaan seera guutee fi gatii qabeessa ta’e akkasumas prezidaantii ta’uuf kan filatamee hin jiru jedhan.
Komishinni walabnii kan filannoo fi daangaalee kan keeniyaa Wiixata kaleessaa akka labseetti, wiliyaam Rutoon filannoo Hagayya 9 gaggeeffameen sagalee harka 50 caalaa argachuun injifachuu isaanii akkasumas odingaan hark 49 argaachuu labsee ture.
Xinxaltonni siyaasaa akka jedhanti, kan injiifate labsamuus filannoo irratti shirri hojjatameera himatii jedhu, mana murtiitti dhiyaachuu mala.
Polisiin Keniyaa akka jedhutti, reeffi anagawaa filannoo tokko magaalaa Naayrobiin ala kan argame yoo ta’u, dararaan irra ga’u isaa mallattoon agarsisuu jira jedha.Angawoota filmaataa irratti dorsisaa fi butiinsii dhaqqabaa akka jiru kan ibsan itti gaafatamaan komishiina filannoo eessa buteen isaanii kan dhabamees jiru jedhan.
Forum