Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Yunaayitid Isteetis Somaaliyaa Keessatti Raawwatte Leellistoota Garee al-Shabaab 14 Galaafate


Haleellaan Yunaayitid Isteetis Somaaliyaa Keessatti Raawwatte Leellistoota Garee al-Shabaab 14 Galaafate
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:41 0:00

Haleellaan Yunaayitid Isteetis Somaaliyaa Keessatti Raawwatte Leellistoota Garee al-Shabaab 14 Galaafate

Angawooni Somaaliyaa waaltaa akka jedhanitti, haleellaa samii irraan Yunaayitid Isteetis hidhattoota al-Shabab irratti raawwatte loltoota 14 ajjeesuu isaaf ji’oottan keessatti haleellaa lubbuu galaafate kan garee shororkeessaa kana irratti raawwatame ta’uun ibsameera jechuu dhaan Mohaammad Dhaaysanee Somaaliyaa magaalaa Moqdishoo irraa gabaase.

Haleellaan samii irraan garee hidhattoota Islaamummaa al-Qaayidaa waliin hidhata qabu Al-Shabab irratti fuuleffate Dilbata naannoo giddu-galeessa Somaaliyaa Hiraanitti raawwatamee jira. Angawoonni onni waraanaa achi jiran kanneen VOA waliin bilbilaan dubbatan, haleellaan kun loltoota al-Shabab 14 ajjeesuu himaniiru.

Haleellaan samii irraan geggeessame kun loltoota Somaaliyaa al-Shabab irratti duula gaggeessaa turan deeggaruuf jecha kan waraanni U.S. geggeesse ta’uu ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG