Xurree ittiin seenan

Breaking News

Odiingaan Mana Murtii Dhaquuf Jiru


Rai'ilaa Odinagaa
Rai'ilaa Odinagaa

Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Gutereesh Keeniyaatti bilbiluu dhaan kan haaraa filataman prezidaant Wiiliyaam Ruuttoo waliin dubbachuu isaanii dubbi himaan isaanii Steefan Duyaariich galgala kana gaazixeessota Niw Yoork keessaaf ibsaniiru.

Muummichi barreessan boris ennaa filannoo prezidaantummaa dorgomaa kan turan Raa’ilaa Odiingaaf bilbilanii kan haasofsiisan ta’uu Duyaarich ibsaniiru.

Kaleessa ennaa ba’iin filannoo Keeniyaa beeksisame filannoo prezidaantummaa injifatamuun isaanii kan ibsame Raa’ilaa Odiingaa ba’ii filannoo sanaa simachuu dhabuu dhaan Abbaa murtiitti kan iyyatan ta’uu beeksisaniiru.

Muummichi barreessaan Gutereesh akkaataa lammiileen Keeniyaa filannoo geggeessan dinqisiifachuu isaanii ibsuu dhaan, adeemsi kun hundi bu’uura heeraa fi haqa jiruun saffisaan akka xumuramu abdii qabaachuu isaanii dubbi himaan isaanii Duyaarichi ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG