Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barreessaa Muummeen Tokkummaa Mootummootaa Yukireen Deemuuf Jiran


Faayilii-Muummicha barreessaa tokkummaa mootummootaa fi prezidaantii Yukireen Volodimir Zeleneskii
Faayilii-Muummicha barreessaa tokkummaa mootummootaa fi prezidaantii Yukireen Volodimir Zeleneskii

Barreessan muummee dhaabataa mootumootaa gamtoomanii Prezidaantii Tarkii Reecip Taayib Erduuwaan waliin Ta’uudhaan Kamisa borii baha Yuukireen keessatti Prezidaantii Yuukreen Volodmiiyir Zeleniskii wajjin akka wala arguuf deeman dubbii himaan mootummootaa gamtoomanii Steefan Dujaariik beeksisaniru.

Wal ga’ichii akka taasifamuu kan gaafatan Prezidaantii Yuukreen Volodomiiyr Zeleniskii akka ta’an kan ibsan dubbii himaan mootummoota gamtoomanii Antoniyoo Guterees jimaata dhufu buufataa doonii Odeessa bakka midhaan nyaataa irraa fe’amaa jiruu akka daawwatan beeksisaniiru.

Guterees walgahii Prezidaantii Yuukreenii waliin tasisan kana irratti waa’ee dhaabbanni Atoomiik Enarjii adduunyaa dhaabbataa nuukileeraa Zaaporijiijaa dawaachuu danda’uu fi haalaa waldhabiinsaa biyyootan Lammanii fala siyaasaatiin hiikuun akkaataa danda’amu irratti akka maryatan ibsameeraa.

Bareesaan muummee Antoniiyo guterees Sambataa dhufuu biyya Tarkii magaala Staanbulin deemuudhaan walgahii bakka wiirtuu qindeesa fe’insa midhaanii irratti akka hirmaataan ibsameeraa. Wiirtuun kun kan dhaabbaate wali galtee midhaan nyaataa fi Xaa’oo yukreeni fi Raashaa irraa gara biyyoottan adda addaati fe’uudhaaf taasifamee akka hordoofufi. Walii galtichii kan mallateeffamee dhaabataa mootumootaa gamtoomaanii, mootummaa Tarikii, mootuumaa Raashaa fi mootummaa Yuukreen gidduutti akka ta’e ni bekamaa.

Ergaa waliigalteen sun taasifamee Adoolesa 22 bara 2022 as dooniwaan 21 buufatalee doonii kibba Yukreen keessatti argaman Odeessaa, Chernoomoorisk fi Piydeenyi irraa ka’udhaan midhaan meetiriik Toonii 563, 317 fe’anii yemuu biyyottan adda addaatti Imalan dooniwan 15 immoo midhaan fe’uudhaaf hiriiraa galaanii akka jiran gabaasameeraa.

Ministirrii dhimmaa alaa Yunaayitid steets Antoonii Blinken wixata dheengaddaa ibsaa keennaniin fe’iinsaa fi kuusaa midhaan nyaataa meetiriik toonii 150,000 yuukreen irraa fe’amuuf kan ooluu gargaarsa Doolaaraa Miiliyoonii 68 Yunaayitid Steets arjoomuu ishee himaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG