Ministirrii Odeeffannoo mootummaa Zimbaabuwee Moniikaa Mutsivangiwa ibsaa oduu gabaasitotaaf kennaniin amma Hagayyaa 15 bara 2022 ti guutummaa biyyatti keessatti daa’iman 2,056 dukubichaan qabamanii, 157 lubbuun isaanii akka darbee beeksisaniru.
Mootummaan faffaca’iinsaa dhukubichaa taalallidhaan too’achuuf tattaffii taasisaa akka jiru kan dubbataan ministiritiin abbootiin aadaa fi amantaa biyyatti tarkaanfii talaallitif akka deggersaa taasisaan gaafatanii jiru.
Dhukubnii gifiraa caalaati daa’imaan miidhuu kun, yeemuu jalqabu fuulaa irratti orbobbuu diddiimaa bibiqilchuudhaan yemuu ta’uu, boodas garaa kaasaa, qaamaa Afuura itiin baafatan hubuu irraa darbee amma samuu iteesuu fi ija jaamsuutti kan deemuu ta’uun isaa gabaasameeraa.
Dhaabbanii fayyaa Adduunyaa WHOn ji’a Ebilaa keessa ibsa baaseen , Afrikaa keessatti waan da’imaan yeroodhaan akka talaalii fudhatan hin tasifamees dhibeewwan talaalliidhaan too’atamuu dhanda’an babalacha akka jiran himee dhibeewwan kana keessaa gifirrii dhibeentaa 400 irra darbuu isaa akka beeksise AFP gabaaseeraa.
Forum