Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsi Naannoo Sidaamaa Godinaalee Hundeessuuf Qophitti Jira

Godinaa Sidaamaa
Godinaa Sidaamaa

Bulchiinsa naanoolee mootummaa feederaalaa Itiyoophiyaa jallati hundeeffaman keessaa 10ffaa ta’uudhaan Wagga Lamaan dura kan dhaabbatee bulchiinsi mootummaa naanno Sidaamaa naanichaa keessatti godinaalee hundeesuudhaa fi daangessuuf akka deemamaa jiru beeksisee jira.

Heera naanichaa keessatti akka kaa’ameetti mootummaan naanichaa yeroo barbaadetti godinaaledhaa fi aanaalee akka hundeesuu danda’u kan ibsan dubbii himtuun bulchiinsa naannoo Sidaamaa Faantayee Kebbedee himuu isanii Yoonaatan Zebdiyoos Hawaasaa irraa gabaasee jira.

Jeraattonii naanichaa tooko tokko akka VOAti himanitti naanicha keessatti godinaleen ittuu hin undeeffamin turuun isaa darggagoonii hojii dhabeeyiin akka hedduumaataan taasiseeraa jechuu isaanii gabasiin kun ibseera.

Forum

XS
SM
MD
LG