Xurree ittiin seenan

Breaking News

Buqqaatonni Naannoo Afaar Keessa Turan Gara Qe’ee Ofitti Deebi’uu Jalqaban


Faayilii-Baqattoota naannoo Affaar

Sababa walwaraansaatin kan ka’ee qe’ee isaanii irraa buqqa’anii mooraawwan naannoo Afaar keessatti kan eegamaa turaan lammilee saba Tigraay kuma Torbaa ol ta’an gara qe’ee isaanitti deebisuun akka jalqabamee bulchiinsi naannoo Afaar beekisee jira.

Itti gaafatamaan biiroo bulchiinsaa soda balaa fi wabii midhaan nyaataa mootummaa naannoo Affaar Mohaamad Huseen amma ammaati namoonii 300 akka garaa manaa isaanii Abi Aalaatii deebi’u isaaniitiif wareen hafan immoo torban lamman dhufan keessatti akka deebisuuf karoorfame VOTI himuu isaanii Gebremikaa’el Gebremedihiin gabaaseera.

Komishiiniin mirgaa namoomaa Itiyoophiyaa Ji’aa waxabajjii darbee ibsa baaseen lammileen Tigraay sababa walwaraansaatiin daangaa naannoo Affarii fi Tigraay irraa buqaq’an haalaa seeraan alaa fi faallaa mirgaa heraan mirkana’ee ta’een ji’a Muddee bara 2021 kaasee magaalaa Samaraa fi mooraa Agaatinaa jedhamu keessatti qabamanii akka jiran beeksisee, akka atattamaan gad lakisaman gaafatee ture.

Mootummaan naannoo Affar dhimiichii hidhaa ittuu hin ta’in nageenyaa namoottan sanatiif jedhamee egunsaa taasifameedhaa jedhee ibsa komishiinichii baaseef deebii kenne ture.

Namoottan qe’ee isaaniiti deebi’aa jiran keessaa tokkoo akka VOA ti himanitti wanti isaan qabaachaa turan hunduu sababa walwaraansaatiin waan jalaa badeef gargaarisii isaan barbaachisa. Dhaabbataa mootummoota gamtoomaniitti Waajirii qindeesa gargaarsa namoomaa ykn OCHAn nammottan gara qe’ee isaanitti deebi’aa jiran kana gargaruudhaaf hojjachaa jirachuu isaa akka ibsee gabassameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG