Mootummaan Itiyoophiyaa naannoo Tigraay keessatti bakka Deddebit jedhamuu irratti meeshaa waraanaa fageenyaa irraa furguga’aniin haleellaa raawwateeraa jechuudhaan Komaandi Postiin mootummaa naannoo Tigraay ibsaa Roobii kaleessaa galgala baaseen beeksisee jira.
Gochii akkanaa sochii gargaarsaa namoomaa mijeesudhaaf jecha waligaltee dhukaasaa dhaabuu ji’oottan Afuran darbaniif ojii irraa olaa jiruu diigudhaaf yaadaa jiruuf malattoodhaa jedhee jiraa.
Gabasaan sagalee Amerikaa Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa dhimmaa kana irratii kan haasofsiisee Proofeeser Kindeyyaa Gebrehiwot yeroo amma Tigraay keessaa lolli akka hin jirree ibsanii, haalii tutuqinsaa akkanaa you itti fufa ta’e garuu deebiin barbaachisaa ta’ee kennamuu nimaalaa jechuun isaanii gabaasameeraa.
Himannaa Komaand Poostiin Tigraay base kana irratii Mootummaa irraa deebiin kennamee amma ammatii hin jiru.
Himannaa haanga’otaa naannoo Tigraay irraa mootummaa itiyoophiyaa irratti dhihachaa jiruuf kamisaa har’aa deebii kan kennan dubbi himtuun waajjira mummee ministeraa Itiyoophiyaa Billenee suyyum, himannan akkana marii nageenyaa gufachiisuudhaaf sababa ABUT ofii isaatti uumuudhaa jechuun isaanii baakameera.
Forum