Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daariktarri WHO Hawaasni Addunyaa Rakkoo Hamaa Tigiraay Mudateef Xiyyeeffannaa Gahaa Hin Kennine Jedhan  


Hoogganaa Jaarmayaa fayyaa addunyaa Dr. Teedroos Adaanoom
Hoogganaa Jaarmayaa fayyaa addunyaa Dr. Teedroos Adaanoom

Dhaabbataa mootummoota gamtoomani jala kan jiru dhaabbataa fayyaa adduunyaa ykn WHO dhaaf daarikteera kan ta’an Doktoor Tewodiroos Adihaanoom, naannoo Tigraay isaa walwaraansaan bututeef hawaasin adduunyaa kan xiyyeeffanaa gahaa hin kenineef dhimaa sanyumaatiin kan ka’eedhaa jechuu isaanii maddii oduu Rooyiters gabaasee jiraa.

Haalli Tigraayii keessaa jiruu haalawwaa rakkinaa hamaa adduunyaa irraa jiran keessaa tokkoffa akaa ta’ee kan himan Dr. Tewoodiroos, maaliif ilaalchii aduunyaan Yuukreeniif kennamaa jiruu Tigraayiif hin kenamne jedhanii gaafachuun isaanii gabaasameeraa.

Karaa fuulaa masarititiin hogeessota midhiyaatiif Roobii kaleesaa ibsaa kan kennanu daarekteerri dhaabbata fayyaa adduunyaa ummanni Tigraay miiliyoonii Jaha ta’u marsamee qabamee ittuu jiruu sababinni adduunyaan xiyyeeffanaa hin kennineef waan biftii isaanii gurracha ta’eef jechuun isanii beekameeraa.

Dr Tewodiroos Ji’aa Eblaa darbee keessaas lubbuun adii fi gurrachaa yemuu balaan ummamuu walqixaa ilaalamuu isaa iraatti gaaffii akka qaban ibsuu isaanii gabasinni Rooyiters kun yaadachiiseera.

Dhimaa kana irratti Lisaa Shilayiin gabaasnii Jeenevaa irraa VOA dhaaf ergitee dabalee akka jedheetti ummanii Tigraay yeroo anna busaa , Antiraaksii fi Koleeraa dabalatee dhukuubootaa adda adaddatiif saaxiilamee akka jiruu Dr Tewodiroos ibsaniiru. Itti dabaluudhaanis

“Rakkinni mirga namoomaa Tigraayiin keessa jiruu itti dabalaa kamiinuu malee isaa yukreeniin keessaa jiruu kan caaluudhaa. Kana je’ootan heddu duraa dubbadheeraa. Tarii bifaa gogaa saba Tigraayiin kan ka’ee ta’uu danda’a. yemuu amma dubbachaa jirru kanatti balaan Tigraayiin keessa jiru lafaa kana irraa isaa hamaadha. An nama Tigraay. Kan an kana jechaa jiruu waaniin Tigraayi irraa ta’eef miti. Dhugaa waan ta’eef.” Jedhan.

Mootumaan itiyoophiyaa waraanaa dhaabee rakkinicha akka karaa nagaatiin hiiku gaafachaa jiraachuu isanii himanii Itii dabaluudhaanis mootumaan Raashaa akka waraanaa dhaabuu gaafii walfakkaataa dhiheesuu isanii kan dubbatan Dr Tewodiroos, mootumaan Itiyoophiyaas ta’e mootummaan Raashaa Yoo barbaadaan nagaa buusuu ni danda’u jechuun isaanii gabaasam eeraa.

Dhimma kana irratti kamisaa har’aa ibasaa kan kennan Dubbii himtuun wajjiraa muummee ministeera Itiyoophiyaa Biilenee Suyyum yaadaa Dr. Tewodiroos mormanii jechii isaanii naamusa qabeessa mitii jechuun isaanii ibsameeraa. Bilenee Suyyum itti dabaluudhaa Tewodiroos Adhaanoom waan akkanaa dubbachuu yoo fedhaan hojii isaanii gad dhiisuu qabu Jedhaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG